Torbee Dirree Dhawaa kabajamaa jiru sababeeffachuudhaan Guyyaan Jaalalaafi Nagrrnya Dirree Dhawaa har’a ganamarraa jalqabee Waldorgommii Baaskilaatiin kabajamaati jira.
Waldorgommiiin baaskilaa marsaa sadiin kan gaggeeffamaa jiru yommuu ta’a, dorgomtoonni garde olguddattoota, ga’eessotaafi angafoota giddutti gaggeeffamaati jira. Saganticharratti Kabajamaa Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Ministers Haajaa Alaatti Daayreektarri Qindeessaa Dhimma Diyaaspooraa Ambaasaaddar Fitsum Naggaa, Hoggantoonni Olaanoon bulchinsaa, Diyaaspooraan dhalattoonnifi jaalattoonni Dirree Dhawaa Biyyooya ambaafi Biyya keessaa Ayyaana Torbee Dirree Dhawaa kabajuuf dhufan akkasumas jiraattoonni bulchinsaa hedduun hirmaataniiiru.
Guyyaa Jaalalaafi nageenya Torbee Yaaddoo Dirree Dhawaa har’a kabajamaa jiru kana sababeeffachuudhaan waaree booda sa’aa 8:30 trraa jalqabee Waldorgommii kubbaa miilaa taphattoota angafootaa, diyaaspooraafi bulchinsa, akkasumas Kilaboota Telkom universe inui Dirree Dhawaafi Jabuutii Giddutti Istaadiyeema Idiladdunyaa Dirree Dhawaatti kan gaggeeffamu ta’uun beekameeti jira.