Bulchinsatti Qaammee Lama Sagantaawwan Garagaraatiin kabajamaa oole

Bulchinsa Dirree Dhawaatti Ayyaanni Qaammee 2 , kan Guyyaa Waloomaa jedhamuun beekamu Marii Paanaaliitiin kabajame.

Afa-yaa’ii Itti Aantuu Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Aadde Kariimaa Alii sirnicharratti haasaa baninsaa yommuu taasisanitti “Danoomiinni miidhagina Itiyoophiyaatiif’ mata duree jedhuun Kabajamoo Dirree Dhawaaf Guyyaa addaafi ta’uu eeranii guyyaan kuni Guyyaa sabaafi sablammoonni Biyyatti kanneen Magaalaa Dirree Dhawaa jiraatan hundumtuu jaalalaan keeysa jiraatan ta’uusii daran Itti cimsatan ta’uu ibsaniiti jiran.

Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Harbii Buuh gamasaaniitiin guyyaan kun Dirree Dhawaatti kabajamuun duudhaa jaalalaafi waldandahuu daran kan Itti cimu ta’uu eeranii cabcinsa siyaasaa ture yaaluudhaan biyya namoota hundaaf taatu ijaaruu keessatti nageenya keenya tokkumaan eeggachuuf hunduu tumsuu akka qabu waamicha dabarsan.

Sirna Kabaja Ayyaanichaarratti Kabajamoo Kantibaa Itti Aanaa Obbo Harbii Buuhfi Afayaa’ii Itti Aantuu Kab. Aadde Kariimaa Alii dabalatee aanga’oonni olaanoon bulchinsaa, Abbootii Amantaa, Abbootii Gadaa ,Ugaazonnifi keessummoonni hedduun kan argamaniiti yommuu ta’a, bal’ina Oduu kanaaf odeeffannoowwan jiran hordofnee kan is in biraan geenyu ta’a.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *