Biiroon Dhimma Dubartootaa Daa’immaniifi Hawaasummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Guyyaa Miidhama Koorniyaa”White Ribon” akka Addunyaatti yeroo 34ffaaf akka biyya biyya keenyatti ammoo yeroo 20ffaaf kabajamu, mataduree “Hawaasa Dhaloota Dhufuuf Jeequmsa Hinobsine Ijaaruu” jedhuun, taateewwan adda addaa waliin kabajeera.
Sochiin guyyaa farra miidhaa kornayaa 16ffaa mataduree “Dhaloota dhufuuf hawaasa jeequmsa hinobsine ijaaruu” jedhuun dubartoota miidhaa kornayaa irraa eeguuf hojiilee adda addaatiin geggeeffamaa kan ture yommuu ta’u, har’as itti gaafatamtuun Biiroo Dhimmoota Dubartootaa Daa’immanii fi Hawaasummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Lalise Ahammad akka ibsanitti kabaja guyyoota kanaatti miidhaawwan dubartoota irra ga’a hammam akka ta’an hubannoo hawaasaa cimsuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa akka turanis ibsuun, gocha kana ittisuuf namuu ga’ee isaa ba’uu akka qabu cimsanii dubbataniiru.
Guyyaa har’aa guyyaa farra miidhaa kornayaa 16ffaa irrattis sagantaan bal’aan Kabaja guyyaa kanaa wiirtuuwwan kunuunsa maanguddootaa Giddugala Deeggarsa Maanguddoota Makdooniyaa, Asgadach fi Daawit keessatti argamanitti hojii namooma irratti xiyyeeffateen raawwatameera.


