Dirree Dhawaatti Fiigichi Halkanii Daandiirraa Yeroo Jalqabaaf Gaggeeffame.

“Nuru Event” Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsaa Dirree Dhawaa waliin akkasumas Abbaa Taaytaa Galiiwwanii Bulchinsaa Dirree Dhawaafi michuuwwan biroo waliin ta’uun ” Itoophiyaa Xiqqoofin Fiiga!” Mataduree jedhuun kan qophaa’e fiigichi halkanii kan Daandiirraa EDA gaggeeffameeti jira.

Saganticharratti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar,Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Dames Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Ibrahim Yuusuf, Komishinar Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Khalid Mohammed akkasumas Aanga’oonni Bulchinsaafi jiraattonni bulchinsaa hedduun argamaniiti jiran.

Saganticharratti sosochiin Ispoortii kan gaggeeffameeti yommuu ta’u, Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar Waldorgommii fiigichaa kan jalqabsiisaniiti jiran.

Fiigichi halkanii kan daandiirraa kun fiigicha jalqabaa ta’uusaatiin maqaa gaarii magaalaa Dirree Dhawaa beeksisuuf faaydaa kan qabu ta’uu kan eeran magaalaaQindeeysaa “Nuru Event” kan ta’an Obbo Wandiyyee Taaddasaa waldorgommichi Nageenya bulchinsaa daran cimsuufi magaalaan Dirree Dhawaa giddu gala invastimatii ta’uusii daran akka Itti Fuftu sochiilee godhamaa jiru tumsuuf ta’uu ibsan.

Waltajjicha kan injifachuun sadarkaa i-3 kan ba’aniif badhaasni kennameeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *