Istaadiyeemii Magaalaa Dirree Dhawaa Tapha Idiladdunyaa Keessummeesse.

Istaadiyeemii Magaalaa Dirree Dhawaa taphoota idil-addunyaa keessummeessuuf ulaagaa FIFA fi CAF kan guute yoo ta’u, gareen kubbaa miilaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa fi Yugaandaa tapha michoomaa Istaadiyooma kanarratti waliin taphataniiru.

Istaadiyeemii Dirree Dhawaa maqaafi beekkamtii duraan qabutti deebisuuf Bulchinsi istaadiyeemcha kana babal’isuufi haaromsuuf ciminaan hojjechaa kan jiru yommuu ta’u guyyaa har’aa kanatti eebbifamuudhaan taphoota sadarkaa Idiladdunyaa keessummeessuuf gaheeti jira.

Kabajamoo kantiibaan bulchiinsa Dirree Dhawaa , Kabajamoo Kadiir Juhaar, Istaadiyeemichaafi seenaa kubbaa miilaa Dirree Dhawaa sadarkaa guddaatti olkaasuu danda’uuf gammachuu qaban ibsan.

Istaadiyeemii Idil-addunyaa Dirree Dhawaa baasii taphoota biyyoota alaatti gaggeeffamuun bahuu malu hambisuurratti gahee guddaa kan qabu ta’uus Kantibaa Kadiir dubbatan.

Istaadiyeemii Idil-addunyaa Dirree Dhawaa daawwattoota kuma 25 ol keessummeessuukan akka danda’u beekameeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *