Bulchiinsi rakkoolee baadiyyaatti mudatan yeroo dheeraafi gabaabaa keessatti deebii kennuuf qindoominaan akka hojjetu ibsame.

Hagayya 16,2014 Bulchinsa Dirree Dhawaatti filatamtoonni ummataa Kilaastara Waahiil jiraattota Araddaalee saglanii waliin marii taasisan.
Guyyaa kanatti Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatiif kan filataman Kabajamoo Obbo Abduljawaad Mohaammadiifi Afa-yaa’ii Itti Aantuu Mana marii Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Kariimaa Alii dabalatee Bakka Bu’oonni Mana Marii Bulchinsaa, miseensonni Mana Marii Araddaalee saglanii Kilaastara Waahelitti marii bal’aa gaggeessaniiru.
Mariin bakka bu’oonni mana marii Bulchinsaafi bakka bu’oota ummataa hawaasa isaan filate waliin godhame kuni isa 2ffaa yommuu ta’uu, jiraattonni kilaastara kanaa rakkoolee misoomaafi bulchinsa gaarii kanaan dura kaasan mootummaan hamma tokko furmaata kennaa jiraatusaatiifii rakkolee hamma ammaa hin furamin irrattiis marihachuun barbaachisaa tahuu kabajamoo Obbo Abduljawaad Mahammad ibsanii jiran.
Marii gaggeeyfame kanaaniis Bakka bu’oonni mana marii araddaalee 9nii gaaffilee waltajjii marii 1ffaarratti kaasanii turan keessaa hammi tokko furmaata kan argatan ta’uus akkuma kilaastara Waahelittuu rakkoolee baay’ee walxaxaa ta’an jiraachuu bakka bu’oota isaaniitti himaniiru.
Keessattuu rakkoolee bu’uraalee misoomaa, rakkoolee qonnaa, gaaffii mana barumsaa sadarkaa lammaffaa ,gaaffii daandii, mana yaalaa, lafa qonnaa, bishaan dhugaatii qulqulluu, masnoo, rakkoo humna ibsaa, rakkoo ‘networkii’, rakkoo hojii-dhabdummaa, giddugala dargaggootaa, rakkoo geejjibaa, rakkoo qaalawinsa jireenyaa,fi rakkoolee biroos hedduun akka jiraattota kilaastara Waaheel mudatee jiruufi rakkoolee kanneen akka furamaniif kan gaafataman yommuu ta’u, piroojektoota misoomaa hojjetamaa jiranis saffisaan xumuramanii akka tajaajila kennuu jalqabanirrattii yaada qaban kaasaniiru.
Kabajamoo Obbo Abdujuhaad Mohaammad gaaffii jiraattota irraa ka’aniif deebii kan kennan yoo ta’u, rakkoo jiraattota kilaastara kanaa kanaan dura irratti mari’atamaa akka tureefi hamma tokko furamaa jiraachuu yaadachiisuun Rakkoolee ammallee osoo hinfuramin jiran furuuf sadarkaa federaalaatti akkasumas bulchiinsa Dirree Dhawaatti qaama dhimmi ilaallatu hundaa waliin kanirratti mari’atamuun furamu tahuu ibsan.
rakkooleen ka’an kunneen kan sadarkaa araddaatti, sadarkaa bulchinsaaattifi sadarkaa federaalaatti furmaata argachuu danda’an waan ta’eef, rakkoolee roga hundaan jiran furuun akka dandahamuuf jiraattonniniis araddaa waliin gamtaan hojjechuun barbaachisaa tahuu kabajamoo Obno Abduljawaad dhaamanii jiran tokkoon tokkoo keenyarraa eeggama jedhaniiru.
Afa-yaa’ii Itti Aantuu Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Aadde Kariimaa Alii gamasaaniitiin Rakkooleen Waltajjii kanarratti kaastan kunneen kan namni tokko qofti battaluma kanatti deebisuun danda’amuu miti. Hoggansi sadarkaa sadarkaa kanirratti hirmaatuufi ummanni keenyas hirmaannaa taasisuu barbaachisaadha waan ta’eef akkaataa ulfina rakkootiin kanneen yeroo dheeraafi yeroo gabaatti firamanitti adda baasnee irratti mari’achuu barbaada waan ta’eef hundi keenya deeggarsaafi gumaacha barbaachisu mara gochuutu nurraa eeggama jedhaniiru
Iliyaas Aammeetiin
Suuraa: Mulu’alem Dassee