Galma Ijaarsa Paartii cimaa dhugoomsuun Ijaarsa Dhaabilee dhalootatti ce’anii qabatamaan ijaaruuf hojjatamaa jiraa jechuun Itti-Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina damee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf

Paartiin Badhaadhinaa Yaa’ii Idilee 2ffaa geggeesseen Hojiiwan Yaa’ii Idilee 1ffaa hanga Yaa’ii Idilee 2ffaatti raawataman Kan gamaagama Yoo ta’u murteewan gurguddoo murteesse keessa Hojiiwan Paartii Cimaa fi Mootummaa cimaa ilaalchisuun Dhimmoota Xiyyeefannoo irratti Ibsa laateera.

Jiraachuun Paartii cimaa Sirna Siyaasaa tasgabbaawaa fi akkasumaas Hoj-maata Bulchiinsa Ummataa si’aawaa Uumuuf shoora ijoo Qabaa jedhan.

Kanaafiis Tarsiimoo dhaabataa Uumuun Sadarkaa Federaalaa fi Naannolee jidduutti qindoomina cimsuu irratti dhugoomuu Paartii cimaa ga’een gumaachu murteessaadhaa jedhan.

Fuulduratti dhimmoota ijoo Xiyyeefannoon irratti hojjatmu keessaa Ijaarsi Paartii cimaan dhugoomuu Mootummaa cimaaf waan ta’eef Ajandaawwan ijoo keessaa tokkoo jedhan.

Obbo Ibraahim itti dabaluuniis Paartii cimaanii fi akkasumaas Dhaabilee cimoo irratti Hojiiwan babal’oon raawatameen bu’aawwan qabatamoon galmaawuus addeessan.

Gurmaa’iinsa damee Siyaasaa Paartichaa Dhimma Xiyyeefannoon laatameef taachaa Kan ibsan Itti-Gaafatamaan kun yaadota haala waaraa ta’een qabatamaan lafatti buusuun Fayyadamtummaa Ummataa mirkanneessuun Dhimma hojii Ijaarsa Paartii cimaa cimee Akka ittifufuus addeessan.

Sirna Dimokraatawaa Kan mirkaneessan Hojiiwan Siyaasaa fi Gurmaa’iinsi irra caalaatti ga’uumsaan raawatamuus ibsan.

Waggoota itti aananittiis Tarsiimoonni Baraaf ba’anii go hojiiwan roga Siyaasaa, Hawaassummaa, Dinagdeefi Diploomaasiin hojiiwwan jalqabaman cimanii Akka ittifufaniis addeessan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *