Jiraattoonni Bulchinsa Dirree Dhawaa galmee filattummaa gaggeessuun Kaardii Filannoo Fudhachuun Paartii nuuf ta’uu Filachuuf qophoofnee jirra jedhan.
Filannichi guddina hegeree biyya keenyaaf murteessaadha kan jedhan jiraattonni kunneen lammiileen mirgoota namoomaafi dimokraasii isaanii yeroo Itti fayyadamanitti namni umrii filattummaaf gahu hundumtuu mirga isaanii fayyadamuudhaaf galmaa’uudhaan Kaardii filattummaa fudhachuu akka qabu ibsan.
Lammiileen mirga filachuu isaanii fayyadamuudhaaf otuu yeroon galmeessuu filattummaa hinxumuramnetti ammumarraa jalqabanii galmaa’uudhaan Kaardii Filannoo fudhatanii qophaa’uu qabus jedhan.
Teeknolojii galmeessa filannoo “Filannoo Koo” “ምርጫዬ” jechuun Boordiin Filannoo Biyyooleessaa Itoophiyaa hundeesse fayyadamuudhaan salphatti galmaa’uu danda’u kan eeran jiraattoonnin haasofsiisne kunneen teeknoolojichi yeroo qusachuufi haala miijataa uumuurratti hedduu kan isaan fayyadevta’uu dubbatan.


