Sirni Hojmaataa Miidhaa Dubartootaafi Daa’immanirra Gahu Hatattamaan Ittisuu Dandeessisu Diriirfamuu Biiroon Dhimmoota Dubartoota Daa’immaniifi Hawaasummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Ibse.

Karoora Guyyoota 100 keessatti Biiroon Dhimmoota Dubartoota Daa’immaniifi Hawaasummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Biiroo Dhimmoota Haqaafi Nageenyaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa waliin ta’uun miidhaawwan dubartootaafi daa’immanirra gahaniif hojmaata deebii hatattamaa kennuu dandeessisan diriirsuufi giddugala kenna tajaajila seeraa bilisaa hojiirra oolchuu Hoggantuu Biiroon Dhimmoota Dubartoota Daa’immaniifi Hawaasummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Lalisee Ahmad Ibsaniiti jiran.

Aadde Laliseen giddugalichi daa’immaiifi dubartoonni miidhaa tokkoo maletti akka jiraataniifi tajaajila odeeffannoo qindaawaa akka argataniif gumaacha guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiti jiran.

Dabalataanis giddugalichi adeemsa tajaajila haqaa daa’imman argatan keessatti tajaajila eegumsaafi kunuunsaa daa’immanii kan Kenny ta’uus ibsaniiti jiran.

Gama eeggattummaa hir’isuutiin dubartoonni akka ofiisaanii hojjetaniifi eeggattummaarraa bahan gochuuf kan hojjetamaa jiruufi guyyaata 100 kan keessatti dubartoota 50 ta’aniif tajaajila liqii birrii kuma 100 hanga kuma 600 kennamee jiraachuu Aadde Lalisee Ahmed ibsaniiti jiran.

Gama biraatiin giddugala kunuunsa daa’immaniittis meeshaalee barbaachisan dandeettii ofiin akka guutaman taasifamuufii kan eeran Aadde Laliseen biirichatti teeknolojiiwwan sooftiweerii adda addaa gabbisuun giddugalicha ammayyeessaa jiraachuus dubbatan

Hojjettoonni Biiroo Dhimmoota Dubartootaafi Daa’immanii hundumtuu eenyummee faaydaa fudhachuufi leenjii 5M kooders immoo 48% kan ta’anis leenjicha fudhatanii jiraachuu ibsaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *