#DGC | Sadaasa 7/ 2017 ዓ.ም
Bulchinsa Dirree Dhawaa Aanaa Biyyoo Awwaalleetti manneen harkaqalleeyyii hojiileen tola-ooltummaa ji’oottan gannaatiin ijaaramaniifi haaroomsaman akkasumas manneen jireenyaa barsiisotaa ijaaraman, Suphamaniifi haaroomsaman eebbifamuun sirni walharkaa fuudhinsaa gaggeeffame.
Waajjira Paartii Badhaadhinaa Bulchinsa Dirree Dhawaatti Hogganaan Damee Ijaarsaa Obbo Darajjee Tsaggaayee sirnicharratti argamuun haasaa taasusaniin paartiin badhaadhinaa yaada Tola-ooltummaa olka’insa Itoophiyaatiif jedhuun hojiiwwan tola ooltummaa gannaa qabeenyaafi humna namaa naannootti argamaniin akka hojjetaman kallattii Kennan keessaa tokko ta’uu eeranii bara kana keessas akka bulchinsaattis magaalaafi baadiyyatti manneen 238 haaraa ijaarsisuufi 72 immoo manneen dullooman haaromsuun walii gala manneen harkaqalleeyyii maatii 310 ijaarsiifi haaromsisaanii xumuramuun eebbifamanii fayyadamtootaaf furtuun kan kennamu ta’uus ibsan.
Guyyaa kanattis Aanaa Biyyoo Awwaallee Araddoota gara Garza keessatti manneen harka qalleeyyii haaraan ijaaramaniifi haaromsaman bakka Hoggantoonni olaanoon Bulchinsaafi Aanaa Biyyoo Awwaallee Argamanitti Fayyadamtootaaf Furtuun kenname.
Iliyaas Aammeetiin
Suuraa: Ramadan Adem


