Bulchiinsa Dirree Dhawaa Dhaabbanni liqii fi Qusannaa Dirree Dhawaa ganda Halooleetti dhaabbanni liqii fiqusannaa Dirree Dhawaa dameesaa 11ffaa banuun ebbiseera.
Ebba dhaabbata liqii fi qusannoo kanarratti argamuun haasawa baninsaa kan taasisan itti gaafatamtuu biiroo Misooma maallaqa fi Invastimentii Aadde Muluukaa akka jedhanitti dhaabbanni liqii fi qusannoo Dirree Dhawaa kanaan duraas tajaajila dhala bilisaa tahe kennuu keessatti dhaabbilee liqii fi qusannoo akka biyyaatti jiran keessaa tajaajila dhalaa bilisaa kennuurratti muxannoo guddaa kan qabu tahuu dubbataniiru.
Dhaabbanni liqii fi qusannoo Dirree Dhawaa dhalaa bilisaa yommu kennutti maqaa qofaaf osoo taane bifa shariyaa taheen gorsa abbootii Amantaa wajjiin mari’achuun yeroo gara yerootti hawaasni tajaajila faayinaansii dhalarraa bilisaa argachuu qaban Aadde Mulaakaan dubbataniiru.
Guddina dhaabbata liqii fi qusannoo kana itti fufsiisuudhaaf hawaasni roga barbaachisu hundaan intarpiraayisiis tahee keessattuu dubartoonni fi namootni galii gadaanaa argatan wabii tokko osoo hin barbaachisnetti tajaajila liqii fi qusannoo kanarraa fayyadamuu akka qaban ibsaniiru.
Itti gaafatamtaan dhaabbbata liqii fi qusannoo Dirree Dhawaa obbo Abbabaa Tashoomaa gamasaaniitiin akka jedhanitti waggoota diigdaman dabranitti namoota galii gadaanaa argatanii fi namoota osoo waa uumuu osoo dahan rakkoo maallaqaa mudatan rakkoosaanii furuun oomisha saanii akka agarsiifata ‘daldalanii akka jijjiiraman gochuu keessatti gahee saa olaanaa tahuu ibsaniiru.
Dhaabbanni liqii fi qusannoo Dirree Dhawaa tajaajila saa magaalaa fi araddaallee baadiyyee keessatti hojjochuu bira dabree Naannoo Harar fi Jijjigatti damee banee hawaasaaf tajaajila kennuurratti kan argamuu tahuu Obbo Abbabaa Tashoomaan dubbataniiru.
Yaassin Abdallaatiin
Suuraan Salaam Ababaa


