Bulchinsa Dirree Dhawaa Aanaa 03tti gabaasni raawwii karoora bara baajata 2017 xumurame keessatti hojiin misoomaa fi bulchiinsa gaarii fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjetamaa akka ture ibsameera.
Aanaa 03 gama carraa hojii uumuu, hiyyummaa hir’isuu, omisha qonnaa fi oomishtummaa magaalattii Sanbataa fi Wiixata dabaluu, nagaa fi nageenya naannoo sanaa mirkaneessuu, gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummataa deebisuun gama gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummataa deebisuun bu’aan hedduun galmaa’uu ibsaniiru.
Bu’aawwan kanneeniin alattis hojiiwwan fayyadamummaa fi itti quufinsa ummataa guddisuuf jalqabaman cimee itti fufuu akka qaban itti gaafatamaan Aanaa 03 obbo mitikkuu bsaniiru.
Waltajjicharratti Kanarratti gabaasa raawwii karoora baajata bara 2017 fi karoora baajata bara 2018 dhiyaatee mariin taasifamuunakkasumaas,hirmaattonni marii kanaa gabaasaa fi karoora dhiyaate irratti yaadotaa fi gaaffilee adda addaa kan kaasan yoo ta’u, itti gaafatamaan Aanaa Obbo Mitikkuu gaaffilee dhiyaateef deebii kennaniiru.


