Hojiin misooma koridoorii Magaalaa Diree Dhawaatti eegalame kun fooyya’iinsa daandii, daandii miilaan deemuu, iddoo magariisaa fi hojii ibsaa kan dabalatu ta’uu ibsameera.
(Hojiiwwan koridoorii aanaalee keessatti hojjetamaa jiran misooma koridoorii sadarkaa bulchiinsaatti hojjetamaa jiru saffisiisaa akka jiran ibsaniiru.
Hojiileen misooma koridoorii aanaalee Bulchiinsa Diree Dhawaa keessatti deeggarsa hawaasaatiin hojjetamaa jiran saffisi misooma koridoorii sadarkaa bulchiinsaatti qindoominaan hojjechaa jirru akka guddifannu nu dandeessiseera jedhan Injinar Jamaal Ibraahim Manaajara Magaalaa Diree Dhawaa ibsa addatti Komunikeeshinii Mootummaa Bulchiinsa Diree Dhawaaf kennaanin ibsaniiru.
Koridoorii marsaa lammaffaa keessattuu hojiiwwan Daayirektoreetii Waliigalaa Qoonsilaa Jibuutii Diree Dhawaa irraa hojjetaman muuxannoowwan koridoorii marsaa jalqabaa irratti arganne hojiirra oolchine, bu’aan isaas saffisaafi bu’aa argamsiiseer.
Hojiin misooma koridoorii marsaa lammaffaa keessatti hojjetamaa jiru nageenya isaaniifi balaa tiraafikaa hir’isuuf kan hojjetamedha. Jiraattonni magaalichaa fedhii isaaniitiin suuqii isaanii buqqisanii, mana isaanii diiganii, Aanaale hunda keessatti yeroo gabaabaa keessatti halluu wal fakkaatu diban galata guddaa qabu jedhan Injinar Jamaal ibsaniiru.
Bakki qalma beylada iddoon gurgurtaa beelaada duraanii waggoota torbaatamaaf kan itti fayyadamaa ture yoo ta’u, yeroo sanatti qarqara magaalattii irratti kan ijaarame waan ta’eef tajaajila gaarii kena kan ture, amma garuu sababa baay’ina ummataa saffisaan dabaluu fi giddu gala magaalattii keessatti argamuun bakka har’aa ijaruun xumurame hujii eegalu himaniiru Injinar Jamaal.
Wajjira Bishaanii fi Qulqullina Baankii Addunyaa waliin ta’uun piroojektii balfa goggogaa kuufame deebisee fayyadamuu fi balfa xuraa’aa waggoota jahaaf hojiirra oole calaluuf gargaarsa mootummoota darbaniin qabxii tokkoo ol Birrii biiliyoona lamaa ol baasuun hojiirra oolchaa
jirachuu ibsaniiru.
Injinar Jamaal akka jedhanitti, pirojektiin kun yeroo xumuramu waggoota kudha torbaaf kan oolu tahuu ibsaniiru.


