Hoggantoonnifi Hojjettoonni Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Gaggeessan.

Sagantaa Ashara Magariisaa mata-duree “Dhaabuudhaan Bayyanachuu” jedhuun eegalameen ganama har’aa hooggansaa fi hojjettoonni waliigalaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa gaara seensa Dirree Dhawaatti argamu irratti sagantaa biqiltuu dhaabuu gaggeessaniiru.

Sagantaa kanarratti Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Biruk Fallaqaa biiroon kun qajeelfama ishara magariisaa fi tajaajila tola ooltummaa gannaa biroo akka biyyaatti kennamaa jiru irrattis dammaqinaan hirmaachaa akka jiru ibsaniiru.

Dabalataanis Obbo Buruk dhaabbatichi itti gaafatamummaa biyyaalessaa fi hawaasummaa isaa bahachuuf tajaajila isaa cimsee kan hojjetu ta’uu eeruun dhaabbileen biroos bakka isaan argamanitti hojii walfakkaataa raawwachaa akka jiran eeraniiru.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu kana keessattis biqiltuun gaaddisa fi miidhaginaaf oolu dhaabamaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *