Deeggarsa Maallaqaa Mootummaa Kanaadaatiin Magaalota Gammoojjii Sahara Gadiitti Jechuunis Johanisbarg Kigaalii fi Dirree Dhawaatti Gaggeeffamaa kan jiru pirojaktiin “SUNCASA” Ilaachisuun gabaasni raawwii dhihaachuun Gamaaggamamaa jira.
Kanaanis raawwii piroojektichaa Dirree Dhawaatti hojjetamaa jiruun hojiileen taatota jijjiirama qilleensaarratti dhiibbaa geessisan ittisaniifi bal’aan lolaa hambisan hojjetamaa jiraachuu cinatti leenjiiwwan ijaarsa dandeettii
Kennamuun Ibsame.
Piroojektichi lammiilee Kuma 7 ta’aniif carraa hojii kan uumeefi Bulchinsa Dirree Dhawaatti hojiirra oolmaa Piroojektii SUNCASA tiif murannoon hoggantoota bulchinsaa kan dinqisiifatamu ta’uun ibsameeti jira.
Dhaabbata Qorannoo Idiladdunyaatti Daayreektara “Cities For Africa” kan ta’an Dr Aklilu Fiqresillaasee piroojektichi Jiraattota Magaalota sadeen kanneenii caalatti fayyadamoo taasisuu jiraachuu eeranii hojiilee hojjetamaa jiranirratti gaggeessitoonnifi qoodafudhattoonni “SUNCASA” Magaalota 3nii walitti dhufuun muuxannoowwan gaggaarii akka wal jijjiiraniifi hanqinoota jiranirratti akka mari’atan gochuuf waltajjii kuni qophaa’uu ibsaniiti jiran.


