Bulchinsa Dirree Dhawaa Paartiin Badhaadhinaa mataduree”Itoophiyaa Gara Biyya Fekkeenyummaatti” jedhuun Aanaalee 05,06,07,08 fi 09 tii Waltajjii Maanifeestoofi Asxaa Filannoo Biyyoolessaa 7ffaa beeksisuu gaggeesse.
Waltajjicharratti Paartiin Badhaadhinaa Qabeenya uumamaa sirnaan Itti Fayyadamuun Imala Badhaadhinaa Saffisiisuuf Halkaniifi Guyyaa Hojjechaa jiraachuun Insame.
Miseensonni waltajjicharratti dubbisne tokko tokko yaada buuf kennaniin nadoon qamadii ida’amuun cimina, oomishtummaa gargaaramtummaarraa bahuu hiika jedhu kan qabu ta’uu eeranii waggoottan darban kanatti Paartiin Badhaadhinaa injifannoowwaniifi milkaa’inoota roga qonnaa, industirii, albudaa, teeknolojii turizimii fi Dames Hundumaa argamsiisetti gammachuu kan qabaniifi abdii guddaa gama fuulduraas kan qaban akkasumas fayyadamummaan ummataa roga hundaa kan mirkanaa’e ta’uu dubbatan.
Dabalataanis hojiileen namoomaa hojjetamaa jiraniifi akka bulchinsaatti hojiilee magaalaa Dirree miidhagduufi qulqulluu jiraattotaaf miijattuufi hawwattuu taasisuu hojjetamaa jiraniin jijiirama argame dinqisuufachuu ibsaniiti jiran.
Waltajjicharratti s Paartiin badhaadhinaa Hojiilee lammii ceesisan hojjechuudhaan waadaa ummataaf seene gochaan agarsiisuun qormaatawwan mudatan gara carraatti jijjiiruun milkaa’inoota jajjabeessaa galmeessuu danda’uu ibsameeti jira.


