Filannoon Waliigalaa Biyyaaleessaa 7ffaan Sirna Dimokraasii cimsuuf waliigaltee biyyaaleessaa hundeessuuf bu’urri itti gadi dhaabbatu ta’uusaa beekuudhaan lammiileen hunduu gaheesaa gumaachuu akka qabu ifaadha.
Guyyaa har’aa tuuta geezeexeessitoota Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Bulchinsa Dirree Dhawaaf qophii filannichaan walqabatee jiraattoonni bulchinsaa tokko tokko yaada kennaniin hawaasni kaardii filannoo fudhachuudhaan dirqama lammummaasaanii bahachuu akka qaban ibsan.
Hawaasni haala miijataa uumame kana fayyadamuudhaan paartii siyaasaa naaf ta’e jedhu filachuudhaaf mirgisaanii harkasaanii jiraachuu beekuudhaan dammaqinaan hirmaannaa taasisuuf kaardii filannoo qabaachuu akka qaban ibsan.
Dargaggoota hojii keessummummaarratti bobba’uun hajjechaa jiran keessaa tokko kan taate shamarree Elsaabeet Bantii yommuu dubbattu yeroo galmee kaardii filattummaa kenname keessatti kaardicha fudhatanii jiraachuu eeranii lammiin hojii kamirrattuu aragaman kanneen umriin isaa isaaf hayyamtu hundumtuu kaardicha fudhachuudhaanfi mirga filattummaasaaniitti fayyadamuu akka qaban ibsiteei jirti.
Gamabiraan dargaggoo hojii listiroo irratti hirmaate tokko akka jedhetti dargaggoo Taaddalaa Gabree kanaan dura sababaa hojiin itti baay’achuutiin kaardii fudhachuu dhabuu eeranii karaa “online” mobaayilaan galmaa’uudhaan kaardii fudhachuu danda’uu ibsaniiti jiran.
Filannoon waliigalaa biyyaaleessaa marsaa 7 f barana gaggeeffamu kanaaf kaardii filannoo fudhachuudhaaf karaa lamaan kan danda’amu yommuu ta’u, inni jalqabaa kallattiidhaan buufata filannootti galmaa’uudhaan,akkasumas inni lammaffaa karaa bilbila harkaan teeknoolojii ” app” filannoo Boordii filannoon ifoomse fayyadamuudhaan galmaa’uun kaardii filannoo argachuusaaniis jiraattonni kunneen ibsaniiti jiran.
Boordiin filannoo biyyaaleessaa yeroo galmee dheereessaa waanjiruuf hawaasni hundumtuu dammaqee yeroo kana keessatti galmee filattummaa taasisuudhaan kaardii filannoo akka fudhatan dhaamaniiti jiran.


