Yaa’iin Idilee 7ffaa Bara Hojii 3ffaa Waggaa 3ffaa Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa Muudamootaafi Labsiiwwan Mirkaneesse.

Kaleessarraa jalqabee gaggeeffamaa kan ture Yaa’iin Idilee 7ffaan bara hojii 3ffaa kan waggaa 3ffaa har’a muudamootaafi wixineewwan labsii garaagaraa dhihaate mirkaneessuudhaan goolabameeti jira.

Guyyaa kanatti yaa’ii idilee kanarratti gabaasa raawwii walakkaa waggaa kan seektaroota bulchinsaa manneen qopheessummaa hojigaggeessaa magaalaafi dhaabbilee itti waamamoo jala jiranii Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaariin Dhihaaterratti yaannifi gaaffileen marii dhihaachuun mariin bal’aan gaggeeffameeti jira.

Bulchinsatti milkaa’inoota hojiilee bulchinsa gaariifi misoomaa gaaffileefi rakkoolee ummataa furuuf hojjetaman hedduun hojjetamaa jiraachuu miseensota mana mariirraa kan dhihaate yommuu ta’u, gama birootiin rakkoolee akka bishaan dhugaatii, manneen jireenyaa barsiisotaa, qaalawinsa jireenyaa hojiidhabdummaa bishaan dhugaatii, rakkoo daandii araddoota baadiyyaa tokko tokko keessatti jiran furuuf xiyyeeffannaan olaanaan akka hojjetamuu qabuu yaanni hirmaattota marichaarraa dhihaateerratti deebiifi ibsi bal’aan kennamuun gabaasichi sagalee guutuun mirkanaa’eeti jira.

Yaa’ii idilee kanarratti manni marichaa muudama garagaraa kan mirkaneesse yommuu ta’u Kaadhimamtoota Muudamaaf Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaariin dhihaate kan mirkaneesse yommuu ta’u, Dr. Tsiggeeradaa Kiflee Hoggantuu Biiroo Fayyaa Bulchinsa Dirree Dhawaa ta’uun kan dhiyaate sagalee guutuun mirkanaa’eeti jira.

Dabalataanis Mana marii abbaaseeraa oliyyannootiif Obbo Lalisaa Aliyyii, Obbo Jamaal Yoonus, Obbo Awwaallee Elmii fi Obbo Abbaaynaa Mulaatuunna Obbo Fahmii Faaraah muudamaaf Kantibaan Dhihaatee Sagalee guutuun mirkanaa’eeti jira.

Haaluma walfakkaatuun yaa’icharratti Afayaa’ii Itti Aantuun Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Aadde Kariimaa Aliin kaadhimamtoota miseensota Koree Dhaabbiif dhihaatan: Obbo Aadam Alii, Obbo Jamaal, Abdii, Aadde Ummalkheeyri Muusseefi Obbo Abdii Hassan sagalee guutuun mirkaneesseeti jira.

Manni Marichaa Yaa’ii kanarratti wixineewwan labsii Hundeeffama Abbootii Seeraa Mana Murtiifi Yaa’ii Bulchinsa Abbootii Seeraafi Wixinee Labsii Hundeeffama Wajjira Odiita Olaanaa dhihaates sagalee guutuun mirkaneessuun marichi

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *