Bitooteessa Bu’aawwan Jijjiiramaafi Abdiiwwan Boruuf!

#DGC Bitootessa 16/2017

Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Bitooteessa Bu’aawwan Jijjiiramaafi Abdiiwwan Boruuf Mataduree Jedhuun gaggeessitoota Bulchinsa walk-in Marii gaggeesse.

Waltajjii marii kana kan jalqabsiisan Kantibaa Itti Aanaafi Hogganaa Biiroo Daldalaa Industiriifi Invastimantii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh Bu’aawwan waggoottan 7n darban keessatti galmaa’an tarreessanii Baatiin Bitooteessaa ashaaraan boqonnaa Jijjiiramaa guddaan kan itti kaa’ameefi injifannoon siyaasaa Biyyattii kan itti galmaa’e ta’uu dubbatan.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaatti Itti Aanaa Hogganaafi Hogganaa Damee Siyaasaa Obbo Shaakir Ahmed Sanada marii Bu’aawwan Jijjiiramaafi Abdiiwwan Boruu Bitootessitootaa jedhu yommuu dhiheessanitti injifannoowwanfi milkaa’inoota Hogganaa Jijjiiramaafi Paartii Badhaadhinaatiin argaman itti fufsiisuufi mul’ata paartichi gama fuulduraatti milkeessuuf qabatee itti deemaa jiru hundumtuu tumsuu akka qabu gaggeessaan sadarkaan jiru hunduu hubachuun kutannoon hojjechuu akka dhaamaniiti jiran.

Obbo Shaakir itti dabaluudhaanis biyyattiin rakkoolee Roga nageenyaa, dinagdeetiin siyaasaafi hawaasummaatiin waaggoota torba dura ture keessaa ba’uun kallattii guddinaa qabattee jiraachuu eeranii keessumattuu seenessaa qeenxeefi qoqqooddii lakkisuun seeneessa waloo jajjabeessuurratti hojiin bal’aan hojjetamuu, duudhaa fiaadaa akkaataa walitti bu’insa mariin hiikuu jajjabeessuufi oomishaafi oomishtummaa Roga qonnaafi industirii teeknolojiin deeggarame hordofuufi daaggaramutummaarraa gara oomishtummaatti cehuu, carraa hojii dargaggootaa uumuufi hojii dhabdummaa hir’isuu keessattifi misooma koriidaraatiinis hojiilee hedduu hojjetamaniin milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu ibsaniiti jiran.

Sanada marii dhihaaterratti Mariin bal’aan kan Gaggeeffame yommuu ta’uu, guyyaa kanattis murteewwaniifi kallattiiwwan yaa’ii 2ffaa paartichi kaa’erratti hundaa’uun raawwii karoora hojii guyyoota 90 qophaa’erratti Mariin taasifameeti jira.

Iliyaas Aammeetiin

Suuraa:Agenyehu Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *