Pireezidaantichi yeroo Buufata Dirree Xayaara Idil-adunyaa Dirree Dhawaatti Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Itti-Aanaa Kantiibaatti Waamamaa Mootummaa fi Itti-gaagatamaan Waajira Paartii Badhaadhina damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf dabalatee Hoogantoota ol’aanoo Bulchiinsa Dirree Dhawaatiin simannaan addaa taasifameefiiti jira.
Pireezidaant Xilaahuun turtii Dirree Dhawaatti taasisaniin Waajjira Hojigaggeessaa Magaalaan, Biiroo Daldalaa fi Indastiriin, Koomishinii Dargaggootaa fi Ispoortiin akkasumaas Biiroo Ga’uumsaa fi Dandeettii Hojiin Piroojektoota Bulchiinsa Dirree Dhawaatti gaggeefamaa jiran naannawuun daawataniiru.
Pireezidaantiin Naannoo Itoophiyaa Kibbaa Obbo Xilaahuun Kabadaa daawannichaan booda Mul’ata Badhaadhina keenyaaf Maddii Guutuun jijjiirtuu Maarshiiti Waan jenneef arra Dirreetti qabatamaaniin arke jedhanii Bulchiinsi Dirree Dhawaa hojiiwan imala Badhaadhina keenya utuban kanneen Nama irratti xiyeefatan Qaalayiinsaa fi Rakkoo mana Jireenyaa hiikuuf akkasumaas Carraawan hojii uumuu irratti Hojiin Bulchiinsi Dirree Dhawaa raawachaa jiru hojii muuxannoof ta’uu jedhan.
Itti-dabaluuniis Fuulduratti Marii Ummataa irratti Osoo Qabeenya Qabanii Deegaramuu fi ilaalcha Eegatummaa keessaa ba’uu dadhabuu keenya haala Itti Cabsinee ba’uun hojjannee guddachuu dandeenyu irratti xiyyeefachuun Kan Gaggeefamu taachaas ibsan.


