Baratoonni Leenjii Ogummaa fi Teknikaan leenjifaman 671 eebbifaman

# DGC 9/2017 Onkololeessa

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Koollejjiin Poolii Teknika Dirree Dhawaa fi Koollejjiin Poolii Teknika Itiyoo-Xaaliyaan Baratoota Ogummaa gara garaan leenjisaa turan 671

ebbisiisan.

Sagantaa kana irratti eebbifamtootaa fi maatii eebbifamtootaan ergaa baga geessanii fi baga gammadanii kan dabarsan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar Kallattii fuula duraa kan dhaamaniin eebbi arraa kun ka’uumsa jireenya keessaniif ba’ura malee dhumaa miti jedhanii imala fuuldura keessaniif keessattuu Guddina Biyya teenya Itoophiyaa jalqabde keessatti Bulchiinsi Dirree Dhawaa Jidugala Indastirii kutaa baha biyyaa ta’uu hubatanii carraawan bal’aa qabdan Naamusa fi Dandeettiin dorgomoo ta’uu qabduu jechuun dhaaman.

Hoogganaan Biiroo Ga’uumsa Dandeetii hojii fi Misooma Teknooloojii Obbo Roobeel Geetaachoo ebbifamtootaa fi maatii eebbifamtootaan ergaa baga gamafan erga jedhaniin booda turtii barnoota leenjii ogummaan gonfatan guddifachuun Naamusa fi amala gaarii guddina ofii fi bulchiinsa keessaniif dhiirri isinirraa eegamu akka bahatan jechuun dhaaman.

Diiniin Koollejjiin Poolii Teknika Dirree Dhawaa Obbo Saalim Usmaanii fi Diiniin fi Koollejjiin Poolii Teknika Itiyoo-Xaaliyaan Obbo Taadala Assaffaa gama isaaniin eebbifamtootaa fi maatii eebbifamtootaan ergaa baga geessanii fi baga gammadanii Carraa gaarii dhaaman.

Kurfii Eebbaa kana irratti Afa-yaa’iin mana Marii Bulchiinsaa Kabajamtuu Aadde Fatiyaa Adan, Itti-Aantuun Hooggantuu Biiroo Ga’uumsa Dandeetii hojii fi Misooma Teknooloojii Aadde Faaxum Musxafaa dabalatee qaamoleen gara garaa waamichi taasifameef hirmaataniiru.

Abdii Adamiin

Suuraan Aganyahu Shawaaraggaa

+12

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *