Odeefannoo Waqtaawaa, Saffisaa fi Guutuu ta’e argachuuf ፡-
Fuula Marsarii ፦ https://www.diredawacommunication.org
Feesbuukii፡- https://www.facebook.com/DDGCAB
Yuu Tuubii፦ https://www.youtube.com/channel/UCQNCC5tcc6Jd9zCKcmzQ-eA
Telegraamii፦ https://t.me/DDGCAB
Tiwiitariu፦ https://twitter.com/DawaOffice
Firoomuun hordofaa ይከታተሉን፡፡
Yeroo mara፦ Waan nuu waliin turtaniif Isin Galateeffanna!
Magaalaa Dirree Dhawaa waliin Taanee Haa Misoomsinuu Mata Duree ja’uun Sagantaan Fiigicha Daandiirraa Bakka Kantiibaa Kadiir Juhaar Argamanitti gaggeeffame.
Fiigicha fageenya kiiloomeetira shan haguuge kana kilabiin Atileetiksii Afran Qalloo fi komishiniin dargaggootaa fi ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa waliin tahuun kan qopheessan yoo tahu, xiqqaa hanga guddaatti kutaaleen hawaasaa garagaraa irratti hirmaatanii jiran.
Sagantaa kanarratti argamuun fiigicha kan eegalchiisan kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar sagantichi qe’ee jireenya waliinii keenyaa tan taate Dirree Dhawaa misoomsuuf galii sassaabuuf sagantaa qophaawe tahuu eeranii, kilabii Atileetiksii Afran Qalloo Yaada kana burqisiiseefi kutaalee hawaasaa saganticha irratti hirmaatanii akkasumaas atileetota bebbeekkamoo saganticha irratti hirmaatan galateeyfatanii jiran.
Komishinarri komishinii dargaggoo fi ispoortii bulchiinsa Dirree Dhawaa Kaalid Mahammad fiigichi kun misooma Dirree Dhawaaf gumaacha taasisuu fi duudhaa hawaasa Dirree Dhawaa kan tahe obbolummaa cimsuuf kan qophaawe tahuu ibsanii jiran.
Sagantaa kanarratti Atileetonni waltajjii addunyaa garagaraa irratti alaabaa biyyattii kanneen kumalaa Atileet Alii Abdoosh, Atileet Warqu’aa Geetaachoo, Atileet Hamzaa Mahammad Dabalatee atileetonni biraatiis keeysumummaan argamanii jiran.
Dorgommicha dhiiraan atileetonni kilabii Afran sadarkaa 1ffaa hanga 4ffaa bahuun kan injifatanii jiran.
Haaluma kanaan Atileet Shaamee Abdurahmaan 1ffaa, Atileet Abdii Ibraahim Usmaan 3ffaa bahanii jiran.
Atileet Shaamee Abdurahamaan fi Atileet Abdii Ibraahim dorgommichaan booda turtii Dire TV waliin taasisaniin fiigicha kana moohachuufi sochii misooma Dirree Dhawaa keessatti qooda fudhachuu danda’uun gammachuu isaanii dachaa taasisuu dubbatan.
Xumurarratti kanneen injifataniif badhaasni meedaaliyaa kennameefii jira.
Qaamolee milkaa’ina dorgommichaaf deeggarsa taasisaniifiis xalayaan ragaa kennamee jira.
Waltajjuma kanarratti sochiin ispoortii qaamaa kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachise gaggeeyfamee jira.


