Bulchinsa Dirree Dhawaatti Hojiin Misooma Koriidaraa Marasaa 2ffaa Aanaalee 9n Keessatti haala ariifachiisaan hojjetamaa kan jiru yommuu ta’u, dargaggoota hedduudhaaf carraa hojii kan uume ta’uun ibsame.
Aanaa 04fi 05 keessatti hojiilee Misooma Koriidaraa hojjetamaa jiran ilaalchisuun Jiraattonni aanichaa yaada kennaniin hojiin Misooma Koriidaraa magaalaa qulqulleessuufi bareechuun alattis dargaggoota hedduuf carraa hojii uumaa jiraachuu ibsaniiti jiran.
Dabalataanis Dargaggoonni tokko tokko yaada kennaniin hojiileen kanneen qulqullinaafi saffisaan yeroo qabameefitti xumuruudhaaf tumsaafi qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbatan.
Hojiin Misooma Koriidaraa ijaarsotaafi manneen miidhaginaafi guddina magaalaa waliin hindeemne haaromsuufi magaalattii ammayyeessuuf manneen ammayyaa, haarawaan bakka buusuun ijaaruu fedhiifi gaafii isaanii ta’uus Jiraattonni aanichaa tokko tokko DGC f yaada kennaniin ibsaniiti jiran.


