Hidha Haroomsaa’f hanga ammatti Birriin biiliyoonni 18 ol walitti qabame

Hidha Guddicha Haroomsa Itiyoophiyaaf hanga ammaatti Birriin biiliyoonni 18.9 walitti qabamuu Wajjirri Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Pirojektii Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa beeksise.

Daayrektarri Itti Aantuun Waajjirichaa Aadde Fiqirtee Taammir ibsa kennaniin, Hidhi Guddichi Haroomsa Itiyoophiyaa lammiileen hundi kan irratti waliigalee fi mallattoo olkaa’iinsa ta’uu himan.

Haaluma kanaan, waggaan 13ffaan dhagaan bu’uura hidhicha itti kaa’ame mata duree “Gamtaan Dandeenyeerra” jedhuun sagantaalee garaagaraan kan kabajamu ta’uu ibsaniiru.

Sagantichaan torbee bittaa boondii, agarsiisa garagaraa, galteeffannaa, beekkamtii fi waltajjiiwwan sosochii deeggarsa walitti qabuu kan gaggeeffaman ta’uun ibsameera.

Sagantaalee sosochichaan deeggarsa Birri miiliyoona 300 walitti qabuuf karoorfamuu eeruun, lammiileen Itiyoophiyaa fi dhalattoonni Itiyoophiyaa deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessanniru.

Hirmaanna ummataan waggoottan 13’n darban Birriin biiliyoonni 18.9 walitti qabamuu ibsuu TOI gabaaseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *