“Galmawwan Barumsaa Qulqullina, Haguuggiifi Ga’umsa Barnootaa Jajjabeessan Milkeessuuf Xiyyeeffannoon Hojjetamaa Jira.

Hogganaa Biiroo Barnootaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Sulxaan Aliyyii

Biiroon Barnootaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa karoora Guyyoota 100 keessatti kaayyoowwan qulqullinaafi ga’umsa Barnootaa cimsan milkeessuuf xiyyeeffannaan hojjechaa kan jiru ta’uu Hogganaan Biiroo Barnootaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Sulxaan Aliyyii ibsan.

Obbo Sulxaan Aliyyii karoora Guyyoota 100 keessattis adeemsa baruu-barsiisuu, hariiroo barattootaa,barsiisotaafi maatii barattootaa cimsuudhaan hojiileen deeggarsa qindaawaa taasisuu hojjetamuu ibsaniiti jiran.

Qulqullinaafi ga’umsa Barnootaa milkeessuu keessatti madaalliiwwan Barnootaa taasifaman keessattuu qormaatawwan Barnootaa kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12 teeknolojii dijitaalawaan kennuufi hojmaata madaallii hannaafi tuttuqaa namootaarraa bilisa ta’e diriirsuurratti hojjechaa jiraachuu dubbataniiti jiran.

Gama biraatiin Akka Biiroo barnootaattii Guyyoota 100 keessatti dhibbentaa 100% milkeessuuf kan karoorfatan eenyummee Faaydaa barattoonnifi barsiisonni hundumtuu akka baafatan guutumaa guututti milkeessuufi kan eeranii Obbo Sulxaan Aliyyii Barattoonnifi barsiisonni Leenjii 5M kodersa akka fudhatan karoora qabaniin barsiisonni fi barattoonni hedduun leenjicha fudhachaa jiraachuu ibsaniiti jiran.

Keessumattuu hawaasa Barnootaa fi qoodahfudhattoota waliin qindoominaan hojjechuu, qabxii barattootaa foyyeessuu, kitaabilee Barnootaa hunda qaqqabsiisuu, leenjiifi madaallii ga’umsa barsiisotaa cimsuu dandeettii dubbisuufi barattootaa cimsuurratti hojjechaa jiraachuu akksumas sagantaa dhiyansa manneen barnootaa babal’isuurratti dambii hundeeffama Ejensii Dhiyansa Manneen Barumsaa kaabinee bulchinsaatiin ejensiicha hundeesuurratti qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechuufi qormaata biyyaalessaa baranaarratti qabxii barattoota bulchinsaa foyyeessuuf manneen barumsaa hundatti sagantaan qo’annoofi titooriyaalii gaggeeffamaa jiraachuu Obbo Sulxaan Dubbataniiti jiran.

Madaallii, guddina, jijjiirraa, qacarriifi ragaalee barsiisotaan walqabatee odeeffannoowwan barbaachisan karaa softiweerii teeknolojii ammayyaa gabbisuun hannaafi tuttuqaa namootaarraa bilisa gochuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *