Bulchinsa Dirree Dhawaatti Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Manifeestoofi Mallattoo Filannoo Waliigala Marsaa 7ffaa Miseensotaafi Deeggartootaaf guyyaa arraa Ifoomse.

Dirree Dhawaatti Waltajjiin Ifoomsa Manifeestoofi Mallattoo Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaa Paartii Badhaadhinaa Mataduree “Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti” Jedhuun gageeffame.

Waltajjiin Kanarratti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar Badhaadhina Filachuu jechuun Hegeree Filachuu akka ta’e eeranii Mallattoo paartichaas Nadoo Qamadiitiin ta’uu ibsaniiti jiran.

Badhaadhina Filachuu Abdii ifaafi nagaa waaraa Bulchinsaa gaariifi misooma Filachuu jechuudha kan jedhan Kabajamoo Kantibaa Kadiir Mootummaan ida’amuu biyya roga hundaan jabduu taate ijaaruun tajaajila teeknolojiin deeggarame kennamu hundeessuuf hojjechaa kan jiruufi birmadummaa siyaas dinagdee biyyattii ijaaruuf milkaa’inoota dacha dachaan galmeessuurratti hojjechaa jiraachuu fi dabalataanis Inisheetivii oomisha qamadiitiin biyya adda duree akka taasisuuf paartichi xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu dubbatan.

Ummanni Dirree Dhawaa mallattoo waloominaa, walhammachuufi tokkmaa cimnia qabuu kan ta’e mallattoo paartii Badhaadhinaa Kan ta’e Nadoo qamadii akka filatan dhaamaniiti jiran.

Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibrahim Yuusuf gamasaaniitiin

Nadoon qamadii tokkummaa misoomaafi badhaadhina calaqqisiisuufi biyyattiin wabii midhaan nyaataatiin of dandeessee oomisha qamadii hanga sadarkaa alergiitti cehaa jiraachuu eeranii nadoon qamadii dinagdee gartokkeerraa gara dinagdee hunda hammatootti ce’uufi Badhaadhina walootti saffisaan ce’uuf akeeka paartiin badhaadhinaa qabu ta’uu ibsan.

Hogganaa paartii badhaadhinaatiin Mootummaa Badhaadhina biyyattii fiduun gargaaramtummaa keessaa bahuun gara biyya birmadummaa Roga hunda gonfatteetti akkasumas dippilomaasiidhaan

Fakkeenya biyyoota addunyaa akka taatu mul’ata ifa ta’e qabachuun socho’aa jiraachuu ibsan.

Boruu Itoophiyaa badhaateef har’a filannoon keenya Paartii badhaadhinaa haata’u kan jedhan Obbo Ibrahim ololaafi jette jetteen sobaa jijjiirama qabatamaa argame dhoksuuf hafarfamaa jiruuf otuu bakka hin kennine filannoo bilisaafi dimokraatawaa gaggeessuun Mootummaa ida’auufi

Nageenyi waaraa akkasumas badhaadhinaa hunda galeessaa mirkaneessuudhaaf paartichaa yeroo Hundumaa miseensotaafi ummata bal’aa waliin kan hojjetu ta’uu ibsaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *