Biiroon Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Daa’imman Rakkoo Uumamaa Qaban Ilaalchisuun Ogeeyyii fayyaaf waltajjii Leenjii Hubannoo uumuu laateera.

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti mata duree “Ittisa, Wal’aansa Biyyaalessaa fi Sirna Waliigalaa jedhuun torbee misoomaa biyyoolessaa Guraandhala 24 hanga 30 tti gaggeefamu ilaalchisuun sagantaan kun qophaaweera.

Sadarkaa Addunyaatti Daa’imman Uumamaan Rakkoo sirna Narvii fi Dhangala’oo Mataa Keessaa walqatee waliin Dhalatan Baayyee yoo Ta’an, Akka Itoophiyaatti Daa’imman 10,000 Rakkoo Kanaa waliin akka Dhalatanii fi kana Keessaa Dhibeentaan 71.48% Dhibeen Kun Kan Irratti Mullatu yoo Tahu Lakkoofsi Kun Biyyoota Lixaatii Waliin yoo Walbira Qabamee ilaalamu Dhibeentaa Dachaaa 7n Akka Caaluus Ibsameera.

Waltajjii kana irratti haasaa baniinsaa kan taasisan Hoogantuun Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Dr. Tsigeradaa Kiflee akka jedhanitti, rakkoo uumamaa kana irratti hojiin erga eegalamee yeroo dheeraa ta’uus, ogeeyyii damee kanaa haala addaan lakkoofsi isaanii muraasaa fi Gama kanaan hanqinni qabeenya yaalaa fi teeknooloojii deeggarsa qaamaa, miidhamtoota, akkasumas rakkoon baajataa fi bu’uuraalee misoomaa tajaajila yaalaa barbaachisaa ta’e kennuudhaaf meshaalee yalaa ga’aa ta’uu dhabuu ibsaniiru.

Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Gorsaa damee hawaasummaa fi bakka bu’aa kantiibaa Kan ta’an

Dr. Seeyfu Tadaseaa gama isaanii akka jedhanitti, dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa waliin ta’uun rakkoo kana furuuf hojiiwan gara garaa hojjatamaa Jiraachuu fi Kurfiin kuniis kan jiran ta’us, ammas baay’ina fayyadamtootaa fi Xaxamiinsa dhimmichaa irraa kan ka’e hojiin baay’een damee Kanaan nu eegataa jedhan.

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti daa’imman rakkoo miidhaa qaama qabaniif tajaajila deebisanii dhaabuu yaalaa akka argataniif hunduu deeggarsaa fi tumsa barbaachisaa akka taasisan waamicha dabarsan. .

Waltajjicha irratti keessummaa kan ta’an hundeessituun fi hoggantuun waliigalaa Hope-Spina Bifida Hydrosyphilus kan ta’an Aadde Beezaa Beshah Hospitaala Dirree dhawa Dill Choora keessatti opereeshinoota hojjetaman haala gaariin raawwachuuf hojimaata deebisanii dhaabuu qaamaa miidhama yaalaa barbaachisu irratti leenjii deeggarsa kennuuf akka dhufan ibsaniiru.

Maatiin Daa’imman rakkoon walfakkaataa mudatee mana keessa jiran gara Tajaajila fayyaa qaamaa (physiotherapy) akka argataniif hojiin hubannoo uumuus hojjatamuu Akka qabuus ibsaniiru.

Waltajjicharratti hoggantoota olaanoo mootummaa bulchiinsa kanaa, hakiimota addaa fi ogeeyyiin fayyaa, hoggantoota dhaabbilee dabalatee qooda fudhattoonni affeeraman hirmaataniiru.

Muktaar Ahmadiin

Suuraa:- Naatan Shawaangizaaw

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *