Bulchinsatti Sosochiin Dargaggootaa Galma Misooma Waaraarratti Xiyyeefate Kan Gaggeeffamu Ta’uun Ibsame.

Nageenya waaraafi jijjiirama haala qilleensaarratti hirmaannaa dargaggootaa guddisuufi jajjabeessuuf Waltajjiin Fooramii Dargaggootaa Dirree kan gaggeeffamu ta’uu Manni Marii Dargaggootaa Kaawunsilii Iskaawutiifi Gurmuu Dargaggoota Olka’insaa waliin ta’uun ibsa gaazeexeessummaa kennaniin beeksisaniiti jiran.

Dargaggoonni Bulchinsa Dirree Dhawaa yaada addunyaaleessaa galma misooma waaraarratti qaban gabbifachuu bira darbee qaama furmaataa akka ta’aniifi hirmaannaa sadarkaa addunyaa akka taasisan gochuurratti Waltajjii Fooramii sosochii Dargaggootaa Dirree Muddee 25-26 kan gaggeeffamu ta’uu Pirezidaantiin Mana Marii Dargaggootaa Bulchinsa Dirree Dhawaa fi Walitti Qabaa Fooramii Dargaggootaa Dirree Obbo Haamid Abdallaa beeksise.

Fooramichi Mataduree

“Dargaggoonni Nageenya waaraafi Jijjiirama haala qilleensaaf” jedhuun kan gaggeeffamu yommuu ta’u waltajjii kanarrattis Dargaggoonni Bulchinsa 300 Catalan kan irratti hirmaatan ta’uu Dargaggoo Haamid Abdallaa ibsanii Dargaggoonni Dirree Dhawaa roga hoggansaa, hojii uumuu,dinagdeefi Nageenya Waaraa mirkaneessuu keessatti hirmaannaa akka qabaataniif Fooramichi murteessaa ta’uu ibsaniiti jiran.

Dhumarrattis Obbo Haamid Fooramii sosochii Dargaggootaa bulchinsatti godhamu kanarratti hirmaannaa gaarii akka taasisan waamicha dabarsaniiti jiran.

Iliyaas Aammee

Suuraa:Salaam Abbabaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *