Ji’a Ramadaanaa Guyyaa 16ffaa sababeeffachuun Biiroon misooma maallaqaa fi Abbaan Taayitaa Galiiwwanii hoggantootaa fi hojjattoota dhaabbatichaa waliin tahuun paarkii Ali Birraatti sagantaa Afxiraa Gaggeesse.
Sagantaa Afxiraa kanarratti hoggantuu biiroo misooma maallaqaa fi Dinagdee Aadde Muluukaa Mahammad fi akkasuma itti gaafatamaa Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Obbo Abdusalaam Mahammad akkasuma keessummoonni fi qaamolee hawaasaa garagaraa irratti hirnmaataniiru.
Itti gaafatamtuun Biiroo misooma maallaqa fi Diinagdee Aadde Muluukaa Mahammad Haasawa godhanii akka ja’anitti magaalaan teenya Dirreen Dhawaa ibsituu walii jireenyaa tan magaalaa kan qabu kani hin qabne itti nyaachisu,kan qabu kani hin qabneef kan itti qooda akkasuma wal dandahuu qofa osoo hin magaalaa bu’uura waliin jireenyaati jechuun dubbataniiru.
Itti gaafatamaa Abbaa Taayitaa Obbo Abdusalaam Mahammad haasasa godhanii akka ja’anitti akka dhaabbata keenyaatti namoota galii xiqqaa gargaaruu akkasuma walii walii gargaaruu aadaa ta’ee gara fuulduraatti kana caalaa akka itti fufuu qabu dubbataniiru.


