Hojii Tola Ooltummaa ji’oota Ganna 2017 sababeefachuun Bulchiinsa Dirree Dhawaatti hojiiwan Tola Ooltummaa raawwatamaa kan jiran too ta’u Aanaa 03 tti Hojii Tola Ooltummaa ji’oota Gannaan Jidugala Mangudoota Asagadachitti hojiiwan Tola Ooltummaa gara garaa raawwatamaniiru.
Mangudoota Jidugala Mangudoota Asagadachitti argaman hojii Tola Ooltummaa kunuunsuu fi tajaajiluu raawwatan.
Hojii gaggeessaan olaanaa bulchiinsa Aanaa 03 Obbo Mitikuu Hunyaaw akka jedhanitti, ji’oota Gannaa keessa hojiiwwan tola ooltummaa adda addaa, namoota keenya saaxilamoo ta’an, maanguddoota fi namoota mana hin qabneef nyaata dhiyeessuu irraa eegalee, har’as, duula qulqullinaa, maanguddoota kunuunsuu fi sagantaalee isaan gargaaran ni gaggeeffamuu saa eeraniiru.
Itti Gaafatamaan Siyaasaa fi Qunnamtii Hawaasaa Aanaa 03 Obbo Misraaq Tafarraa maanguddoota kunuunsuu fi deeggaruun itti gaafatamummaa nama hundaa ta’uu akka qabu ibsuun, hojiin tola ooltummaa ji’oota Gannaa keessa gaggeeffamaa ture cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.


