Bara 2016tti Roga fayyaa Ammayyeessuutii fi tajaajila si’ataa laachuutiin fooyya’insi gaariin akka biyyaatti muullachuun ibsame.

biiroolee fayyaa Naannoo fi dhaabbilee itti gaafatamummaan isaanii ministeera fayyaatiif tahe magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeyfameeti jira.

Fooramiin JSC(join steering commitee) ministeera fayyaa Itoophiyaa baatii lama lamatti kan gaggeeyfamu yoo tahu baatii lama duraa nannoo tigaryitii qopheeysuun isaan ni yaadatama.

Kaayyoon Sagantichaa rakkoo roga fayyaatiin mul’atan garagaraa kan naannolee fi bulchiinsa magaalaa lamaanii jiran furuun gamatti hojii gaarii hojjatame jajjabeeysuun naannoleen muxannoolee akka qoodatan fi karoora tokkorratti hojjachuu kan ittiin mul’isanii dha .

Waltajjicharratti Ministiroonni Ministeera Fayyaa, miseensonni koree hoggansaa, hoggantoonni biirolee fayyaa naannoo fi bulchiinsa magaalaa, hoggantoonni hospitaalota federaalaa fi qooda fudhattoonni iddoo arkamanitti gaggeyfamee .

Waltajii kanarratii Hasawaa baniinsa kan tasiisan ministerii ministeraa fayyaa dr maqdas dhabaa akka ja’anitii hoggantoonni damee fayyaa wal irraa barachuun, hojii bara baajataa keessatti hojjetame madaaluun, cimina adda baasuu fi qaawa jiru, akkasumaas akka qaama tokkootti gara fuulduraatti deemuu akka qaban himan.

Hojii gaggeeysan dhimmoota istiraateejii ministeera fayyaa dr Muluqan Argaaw sagantaan gaggeeyfamu kun gamaaggama karoora waggaa qofa kan ittiin adeemsifamu qofa osoo hin taane walitti hidhamiinsa naannoolee jidduu jiru kan cimsu tahuu dubbatan.

Itti dabluun Dr.muluqan balaa tasa mudatuuf deebii hatattamaa akka laatamuu waltajichi kan gargaru tahuu ibsuun dhukkuboota daddabroo fi kan daddabroo hin taanerratii hojiin gaariin hojjatama jiraatuus ammallee kana caalaa cimanii hojjachudhaan kaayyoo roga kanaan qabame milkeeysuuf dhaabbileen fayyaa tumsuu akka qaban dubbatan.

Waltajjii kanarratti gabaasni ministeera fayyaatiif dhaabbilee waamamtootaa dhihaatee mariin ballaan irratti taasifameeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *