Bulchinsaa Dirree Dhawaatti Gabaasni Hojiilee Misooma Koriidaraa Aanaalee Magaalaa Saglanitti Gaggeeffamaa Jiranii Dhihaachuun gamaaggamameeti jira.
Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar Waltajjicharratti argamuun haasaa taasisaniin hojiileen misooma Koriidaraa Aanaalee Magaalaatti hojjetamaa jiran jajjabeessaa ta’uu eeranii, keessattuu hojiileen qindoominaan raawwatamaa jiran ciminaan Itti fufuu akka qaban hubachiisaniiti jiran.
Kabajamoo Kantibaa Itti dabaluudhaanis manneen daldalaafi naannawa qarqara daandii miidhagoo, haawwatoo, qululluufi jiraattotaaf miijatoo taasisuun akkaataa imala guddina Magaalaa Dirree Dhawaa gitutti misoomsuun akka barbaachisu ibsaniiti jiran.
Hojiilee misooma Koriidaraa kanneen aanaafi aanaa walitti hidhuun hojjetamuu akka qaban kan eeran Kab.Kantibaa Kadiir Juhaar hojiileen Koriidaraa marsaa kanaa, saffisaafi qulqullinaan ji’oottan 2 keessatti xumuramuu akka qaban dhaamaniiti jiran.
Hojiileen Misooma Koriidaraa Kalaqaasi Saffisaan Hojjetamuu barbaachisa kan jedhan Kabajamoo Kantibaa Itti Aanaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh misoomni Koriidaraa Akkaataa hambaalee seenaa iddoosaaniitti bocasaanii eeggataniin misoomsuun kan barbaachisu ta’uu dubbatan.
Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibrahim Yuusuf gamasaaniitiin qabeenya uumamaa aanaaletti argaman adda baasuudhaan misoomsuun kan barbaachisu ta’uu eeranii, hojiileen misooma kunneenis yeroo qabameefitti raawwatamuu akka qabaniifi dargaggoota magaalaa kennaa kalaqaa addaa qaban hirmaachisuu akka qabanis hubachiisaniiti jiran.
Hojiilee naanooo ofii miidhagsuu hawaasaafi abbootii qabeenyaa hirmaachisuun hojjetamuu akka qaban kan dubbatan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaatti Hogganaa Damee ijaarsaa Obbo Darajjee Tsaggaayee hojiileen misooma Koriidaraa naannicha miidhagaafi hawwataa taasisuurratti xiyyeeffannaa guddaan hojjetamuu akka qaban ibsaniiti jiran.
Xumura waltajjichaarrattis Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar Kallattii xiyyeeffannaa kaa’aniiti jiran.


