Biroon Ogummaa Hojii Bulchinsa Dirree Dhawaa Karoora Guyyoota 100tti Intarpiraayzoota Haaraa uumuudhaan
Carraa Hojii Babal’isuurratti Xiyyeeffannaa Olaanaan Hojjechaa Jiraachuu Hagganaan Biiroo Ogummaa Hojii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Roobeel Geetaachoo Beeksise.
Biirichi guyyoota 100 kana keessatti hujii-dhabdummaa hir’isuu irratti xiyyeeffate hojjechaa kan jiru yoo ta’u, intarpiraayizoota haaraa magaalaa keessatti wal-fayyadan sadii fi baadiyyaatti lama walumaa galatti intarpiraayzota shan jalqabsiisuudhaan hojii dhabdummaa hir’isuu irratti xiyyeeffate hojjechaa jiraachuu Obbo Roobeel ibsaniiti jiran.
Carraa hojii babal’isuufi intarpiraayzota uumuurratti hojiilee hojjetaman ilaalchisuuñ gaazexeessitoota Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa pooliteeknikii lamaan daawwachuun maashanaroonni fi oomishoonni intarpiraayizoonni itti fayyadaman qabeenyaafi kalaqa mataa isaaniitiin kan oomishaman ta’uu daawwataniru.
Intarpiraayizoonni kunneen milkaa’ina ni argatu jedhamee kan eegamu yoo ta’u, warshaan nyaata hanqaaquu, manneen hanqaaquu ammayyaa sadarkaa maatiitti bakka xiqqaatti kaa’amuu danda’an, akkasumas manneen daldalaa babbareedoofi Manneen nyaataa hatattamaa qarqara daandiiwwaniitti hojjetaman babal’isuurratti hojiilee hedduun hojjetamuu ibsaniiti jiran.
Biiroon Ogummaa fi Teeknooloojii Bulchinsa Dirree Dhawaa Biiroo Qonnaa, Qabeenya Bishaanii fi Inarjii waliin ta’uun Intarpiraayizoota dargaggoota baadiyyaatti gurmaa’aniif warshaan nyaata looniifi daakuu, gaaguura ammayyaa akka raabsaman ibsaniiru.
Biiroon kun hojjettoota kolleejjiiwwan mootummaa lamaa fi kolleejjiiwwan dhuunfaa ja’a isa jala jiran keessatti hojjetan kuma 7 fi 346 faayidaa beekamtii biyyaalessaa guutuu akka qaban mirkaneessee jira.
Akka Obbo Roobeel jedhanitti hojjetaas ta’ee tajaajilamtoonni yeroo gara waajjira ykn kolleejjiiwwan tajaajilaaf fudhachuuf dhufan eenyummee faayidaa qabaachuun dirqama isaanii ta’uu beeksisaniiru.
Galma leenjii 5M kooders tiin galmaan ga’uuf guyyaa 100 keessatti hojjettoota kuma lamaa fi dhibba jaha leenjisuuf karoorfannee kuma lamaa fi dhibba shanii fi digdamii sadii gahuu milkeessuu sanii ibsaniiru.
Hogganaan Biiroo Dandeettii Hojii fi Teeknooloojii obbo Roobeel Geetaachoo
Akka ibsanitti karoorra guyyaa 100 kana akka galma gahu intarpiraayizoota kan jajjabeessu tahuu ibsaniiru.


