Miseensonni Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa Qilleensaa Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa 3ffaa deegarsa birrii kum 300 ol Manguddoota Jiddugala Assagaddachiitti argamaiif taasisan.

Miseensonni fi hoggantoonni Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa garee Humna qilleensaa Kifla Xoorii 3ffaa guyyaa har’aa Giddugala Maanguddoota Dr. Asagadech Asselafachitti kurfiiwan gara garaa raawatan.

Sagantaa kana irratti kan argaman Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajaan Humna Qilleensaa 3ffaa Itiyoophiyaa Koloneel Daraje Bushraa akka jedhanitti kaayyoon sagantaa har’aa adda durummaan maanguddoota biyya keenyaaf umrii Jireenya isaaniitti shoora guddaa gumaachaniif galateefachuu fi Ayyaana Du’aa Ka’uu Lammaffaa kabajamu isaanii waliin nyaata qooddachuuf Yaadamee Kan Qophaawe ta’uus ibsan.

Koloneel Darajeen akka jedhanitti, gootummaan biyya keenya tiksuu bira darbee, namoota keenya saaxilamoo ta’an daawwachuudhaan deeggarsa keenya agarsiisuu qabna, kunis gara fuulduraattis cimee itti fufa kan qabuu tahuu ibsaniiru.

Doktarri Kabajaa Asegedech Assefaa deeggarsa taasifameefiif galateeffatanii miseensonni Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa Kutaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa 3ffaan maanguddoota cinaa dhaabbachuun deeggarsa guddaa isaaniif taasisaa akka jiran himaniiru.

Maanguddoonni deeggarsa kana argatan gama isaaniitiin kennaa kanaan gammaduu isaanii ibsaniiru. Ayyaana kana yeroo kabajnu waan qabnu warra homaa hin qabneef qooduu fi maanguddoota daawwachuudhaan ta’uu akka qabu dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Muktaar Ahmad

Suuraan Ageenyahu Shawaaragaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *