Dargaggoota Dirree Dhawaa kanneen
Hordoftoota Amantaa gara garaa irraa walitti babahan kan Keessummeess Konfiraansii Naga’aa kan jalqabaa Dirree Dhawaatti gaggeefamu irratti Qindeessummaan hirmaatanii waliin Mariin gaggeefame.
Gamtaan Dhaabilee Amantaa Dirree Dhawaa Gamtaa Dhaabilee Amantaa Itoophiyaa waliin ta’uun Koonfiransii Naga’aa kan jalqabaa Dirree Dhawaatti ilaalchisuun Hordoftoota Amantaa gara garaa irraa walitti babahanii waliin haala milkaa’ina Konfiraansii Naga’aa kan Mudde 12 bara 2017 gaggeefamu milkaa’inaan xumuruuf Dargaggoota Hordoftoota Amantaa gara garaa kanneen Dhaabilee Amantaa irraa walitti babahanii waliin marii gaggeefame irratti Walitti qabaan Gamtaa Dhaabilee Amantaa Dirree Dhawaa Sheek Ibraahim Kadiin Akka jedhanitti kaayyoon Koonfiransii kanaa Nageenya Dirree Dhawaatti Siranee jiru kun Akka guutuu Biyya teenyaattii Ardii Afrikaa fi darbees Guutuu adunyaatti Akka siranuuf kurfii Kadhannaa gaggeefamu jedhanii keessumoota Koonfiransii Naga’aa kan Dirree Dhawaa kana irratti hirmaachuuf Guutuu Biyyaa irraa gara Magaalaa teenyaa dhufan akkaataa Aadaa Keessummaa simannaa Dirree Dhawaa ittiin Beekamtuun Akka simatamanii turtii Dirreettiiniis Akka gamadan hunduu shoora gumaachuu Akka qaban ibsanii jala bultii Nageenya Koonfiransii Dirree Dhawaa kana irratti Mariin Nageenya Dirree Dhawaa kan durii hanga ammaatti mariin akka irratti taasifamuus addeessan.
Kaayyoon konfiraansichaa inni guddaan ummanni magaalaa Dirree dhawaa jaalalaan, tokkummaa fi tokkummaan waan jiraachaa jiruuf ummata magaalaa Dirree dhawaafi bulchiinsa magaalichaa hundaaf akkasumas yaa’ii dhaabbilee amantaatiif galata fi beekamtii kennuudha.
Sagantaa kana irratti Abbootiin amantaa dhaabbilee Itiyoophiyaa, keessummoonni kabajaa mootummaa fedraalaa, bakka bu’oonni dhaabbilee amantaa naannoo hunda, bakka bu’oonni Biiroo Nageenyaa, fi keessummoonni affeeraman ni argamu.
Haala kanaan sagantichi ganama sa’aatii 12:30 irraa eegalee kan gaggeeffamu yoo ta’u, sagantaa Du’aa, Galateeffannaa fi Eebbaa ni jiraata; Kantiibaan kabajaa bulchiinsa Dirree dhawaa obbo Kadir Johar maqaan ambaasaaddara nagaa akka kennamus yaadni dhiyaateera.
Waltajjicharrattis Waancaan Nageenyaa Dirree dhawaa irraa gara naannoolee biyya keenyaa birootti akka ceesifamu ibsameera. Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Bulchiinsa Dirree dhawaas ummanni magaalaa Dirree dhawaa hundi saganticha irratti akka argamtan waamicha dhiyeessaa jira. Duudhaa keessummoota simachuu baratamee fi beekamaa ta’een keessummoota simachuu qabna jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.
Abdii Adamiin
Suuraan Salaam Ababa.


