Baga Ayyaana Irreechaa bara 2018’tin nagaayaafi Fayyaan isiin gahee – Kansjamoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obboo Kadiir Juhaar.

Kabajamoon Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa toora Miidiyaa Hawaassummaa isaaniitiin akka ibsanitti – Ayyaanni duudhaan sirna galateeffannaa Oromoo itti calaqqisiifamu kan Irreechaa Malka wayita kabajnu, duudhaallee ijoo Irreechaa kan tahan Nageenya, Araara fi Tokkummaa akka jabeeffanu dhamachaa imala guddina Bulchiinsa keenyaa fi biyya teenya Itoophiyaa dhugoomsuun akka danda’amuuf qormaata hunda irra aannee muraannoon akka hojjannuun waamicha dhiheessa je’an.

Akkasumattillee Obboo Kadiir, ummata oromoo maraafi sabaafi sablammoota biyyattii hundaan – Baga Ayyaana Irreechaa Geessan! Ayyaana Gaarii! Jechuudhaan Hawwii guddaa qaban ibsanii jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *