Kabajamoo Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmed Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa yommuu gahanitti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar,Kantibaa Itti Aanaa Obbo Harbii Buuh,fi Hoggantoonni Olaanoon Bulchinsaa, Abbootiin Amantaa, Abbootiin Gadaa Ugaazonnifi Jaarsoliin biyyaa simataniiti jiran.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmed Pirezidantii Somaaliyaa Obbo Hassen Shekh- Mohammed fi jila isaanii waliin gara Dirree Dhawaa kan imalaniif Daawwannaa hojiif yommuu ta’u hojiilee piroojektoota gurguddaa Dirree Dhawaatti hojjetamaa jiran daawwatan ta’a.

Yeroo muraasa duratti Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad jila isaanii waliin ta’uun sagantaa Gabataan Dhalootaaf ” jedhuun NaannooSomaaleetti kan ijaarame rizoortii guddicha “Shabale Rizort” fi Aysha-2tti kan hojjetamaa Humna Qilleensaa madda aniisaa eebbisiisaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *