Kurfii Salaata Iid Al Faxiir kan bara Hijraa 1445ffaan Dirree Salaata Iidaa tan Magaalaa Dirree Dhawaatti haala miidhagaa fi hawataa ta’een kabajameera.
Sagantaa kana irratti argamuun ergaa baga ittiin isin ga’ee kan dabarsan Itti-Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Hooganaan Hooganaan Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii Obbo Harbii Buuh Akka slaamummaan Nageenya, Islaamummaan jaalalaa fi tokkummaadhaa jedhan.
Bu’uura Amantaa Islaamaa shanan keessaa tokko ta’uun miidhagina ayyaana Iid Al Faxiir kan ta’e sirni hajjii ammoo duudhaalee gurguddoo mul’iftuu waloomaa ta’an hedduudhaan kan dabaalamedha.
Sirni kun namni kamuu gosaa fi bifaan, saalaa fi umuriidhaan qabeenyaa fi beekumsaan osoo adda hin baafamiin uummanni Musliimaa kutaalee addunyaa garaa garaatti argaman iddoo tokkotti sagalee tokkoon Rabbiif galata kan itti galchan sirna agarsiiftuu tokkummaa fi obbolummaa ta’edha. Adeemsi sirna hawwataa kanaatis jaalalaa fi tokkummaa kan agarsiisu, walqixxummaa fi obbolummaa waan ta’eef waan qabnu irraa walii qoodaa haa kabajnuu jedhan.
Mootumma Jijjiiramaa Waggootaa jahan daraban badhaadhina Itoophiyaa mirkaneesuuf hojiiwwaan dandeesisaniif bu’uurri kaa’ameera jedhan.
jijjirama biyyaalessaa kanarraa fayyadamoo ta’aa jirachuu eeranii, jijjirama hojii misoomaan argame kana cimsuuf nageenyaaf waaridiyyaa ta’uu barbaachisa jedhaniiru.
Abdii Adamiin


