Hojiilee Tolaooltummaa Yeroo Hundumaa Cimee Itti Fufuu Akka Qabu Ibsame.

Bulchinsa Dirree Dhawaatti Qaamoleefi dhaabbilee Hojiilee Tola-ooltummaaf Gumaacha Olaanaa Taasisaniiif Sagantaan Badhaasaafi Galateeffannaa Gaggeeffame.

Saganticharratti argamuu haasaa kan taasisan Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar dargaggoonni sochiilee nageenyaa, fi misoomaa guddina Biyyaatiif taasifaman keessatti shoora olaanaa akkauma qabaachaa jiran hojiilee tolaooltummaa keessattis adda Düree ta’anii hirmaachuu cimsanii akka Itti fufan Dhaaman.

Mootummaan ida’amuu, imala badhaadhinaa biyyattiin jalqabde milkeessuuf dargooggoonni shoora olaanaa kan qaban ta’uufi gaheesaanii adda durummaan akka bahatan haalota kamiiyyuu keessatti akka hirmaatan haala miijataa Uumuun kan eeran Kabajamoo Kantibaa Kadiir keessattuu hojiiee tolaooltummaa irratti abbummaan akka gaggeessan kallattii kennameen akka bulchinsaattis gurmuuwwan dargaggootaa bu’aawwan gaggaarii argamsiisaa jiraniif galateeffatan.

Akka bulchinsaatti Hojii Tola’ooltummaa ji’oottan gannaa bara 2017 fi ji’oottan 6n bara 2018 kanatti drgaggoonni kuma 95 ol hirmaachuufi namoonni Kuma 299 ol fayyadamoo ta’uufi akkasumas manneen Manguddootaa harkaqalleeyyii 485 ol ta’an haaroomsamuufi ijaaramuun furtuun kennamuufii Obbo Kadiir Juhaar ibsaniiti jiran.

Afayaa’ii Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Abdii Muktaar gamasaaniitiin hojii tolaooltummaa hojjechuun bohaartii sammuu argachuu ta’uu eeranii hojiilee tola-ooltummaa hojjettaniinis aantummaa agarsiistaniif jaalalaafi Kabajamoo ummata keessanii agarsiistaniittu waan ta’eef hojiilee namoomaa kana fuulduraafis ciminaan akka Itti fuftan dhaamsa dabarsuu barbaada jedhan.

Komishinar Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsaa Dirree Dhawaa Kan Ta’an Obbo Khalid Mohammed gamasaaniitiin Hojiilee tola-ooltummaa ji’oottan gannaa 2017 fi ji’oottan 6n bara 2018 kana keessa hojjetamaniin baasii birrii Miliyoona l73.5 ol hambisuu danda’uu eeranii namoonni kuma 95 ol hirmaachuu ibsaniiti jiran.

Hojiilee tolaooltummaa bara kanaatiin manneen harkaqalleeyyii haaromsuufi ijaaruu manguddootaafi harkaqalleeyyii uffisuufi nyaachisuu qulqulleessuu, biqiltuu dhaabuufi ashaaraa magariisaa kaa’uu, meeshaalee barnootaa gumaachuu, barattoota qo’achiisuu, tajaajila fayyaa bilisaa kennuu, dhiiga arjoomuufi kanneen biroos akka hojjetaman kan eeran Komishinar Khaalid Mohammed hojii tola ooltummaa kana keessattis Dargaggoonni gahee adda durummaa bahachuun milkeessuu birattis dandeettii gaggeessuumaa akka cimsatan godhaa jiraachuus ibsaniii dargaggoonni honii tolaooltummaarratti hirmaachuu aadaa akka godhachuu qabanis dhaamaniiti jiran.

Saganticharrattis namoota, dhaabbilee, guaa’inootaafi jaarmaayaalee dargaggootaa, dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa aanaalee bulchinsaafi irraa kaasee hanga hoggantoota olaanoo Bulchinsaatti akkasumas hanga dhimma haajaa Alaatti kanneen hojiilee tolaooltummaa kanneen xiyyeeffannoo addaafi hoggansa bilchina qabuun gaggeessan hedduuf badhaasnifi waraqaan ragas kennameeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *