Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibrahim Yuusuf
Komishiniin Inispeekshini fi Naamusaa Paartii Bdahaadhina Paartii Badhaadhinaa Komishinii Inispeekshinii fi Naamussaa Naannoolee,Bulchinsaa Magaalaafi Dhaabbilee Federaalaa Paartii Badhaadhinaa Gamaaggama raawwii karoora hojii bara 2018 ji’oottan 6n dabranii Magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeessaa jira.
Waltajjicharratti argamuun haasaa kan taasisan Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Dames Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibrahim Yuusuf waltajjichi kan waliin ta’uun hojiileen Itti gamaaggamaman, rakkooleen Itti furaman, hojmaanni fooyya’aan akka muuxannoo gaariitti fudhatamaniifi ergama Itti aanuuf kallattiin ifaa kan itti kennamu ta’uu dubbatan.
Obbo Ibrahim Itti dabaluudhaanis Paartii Badhaadhinaa yeroo ammaa kana akka biyyaatti jijjiirama roga siyaasaa,dinagdeefi hawaasmaatiin bu’aawwan gaggaarii galmeessaa jiraachuu eeranii keessattuu piroojektoota guddinaafi Badhaadhinaa biyyattii mirkaneessan gurguddaa baay’inaan hojjechuun ifoomsaa jiraachuufi kenninsa tajaajilaa, idustiriifi qonnaa, albudaafi teeknolojii guddisuu bu’aawwan argaman kanneen akkaataa ummataaf waadaan galeen qabatamaan hojiin agarsiisaa jiraachuu ibsan.
Paartii naamusaan hogganamu, seeraan bulu, itti gaafatamummaa ummataa ba’atu ijaaruuf komishinii inispeekshinii fi naamusaa qofa otuu hintaani hundumtuu dirqama siyaasummaa ba’achuu akka ba’atan Obbo Ibrahim Dhaamaniiti jiran.
Komishinar Olaanaa Insipeekshiniifi Naamusaa Paartii Badhaadhinaa Kan ta’an Dr. Dastaa Tasfaaw gamasaaniitiin komishinichi fayyummaan siyaasaafi Naamusaa paartichaa akka eeggamu, mirgaafi faaydaan miseensotaa akka eeggamu, qabeenyiifi leeccalloon paartichaa akka sirnaan eeggamu xiyyeeffannoo olaanaadhaan kan hojjetaa jiru ta’uu eeranii ji’oottan 6n dabran keessatti hojiileen inispeekshiniifi to’annoo bu’a-qabeessa ta’an hojjetamuu ibsan.
Waltajjicharratti gabaasni komishinoota insispeekshinii fi Naamusaa Paartii Badhaadhinaa giddu-galaa ,naannoolee, Bulchinsa Magaalotaafi Dhaabbilee federaalaa dhihaachuun mariin bal’aan taasifameeti jira.


