Jilli magaalaa faransaay bakkeeewwan misooma magaalaa Bulchiinsa Dirreetti argaman fi bakkeewwan seenaa qabeessa tahan Zoonii Daldala qaraxarraa bilisaa Dirree Dhawaa, Buufata goggaa, Meetroo Haaraa, Giddugala siivikii Dirree Dhawaa, fi Istaadiyeemii Idil Addunyaa Dirree Dhawaa daawwataniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Legue, Faransaay, Leonidas Serge, pirojektoonni misoomaa magaalaa Dirree Dhawaatti hojjetamaa jiran guddina magaalichaa haalaan kan saffisiisu ta’uu ibsaniiru; kaayyoon daawwannaa kanaa inni guddaan muuxannoo wal jijjiiruu fi carraa walta’iinsa gara fuula duraa qorachuu akka ta’e
fi damee turiizimii haala seenaa fi jireenya Dirree Dhawaa kunuunsuu,misoomsuuf akka itti fufu akeekkachiisaniiru.


