Biiroon Fayyaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Mana Marii Nyaataafi Sirna Nyaataa Sadarkaa Bulchinsaa, Aanaafi Araddaatti Hundeessuuf Sanada Qophaa’erratti Kaabinee Bulchinsaa Waliin Marii Gaggeesse.
Imaammanni Nyaataafi Sirna Nyaataafi guutuu biyyaatti akka hojiirra ooluu Itiyoophoyaan waliigaltee “Seqota Declaration” kan mallatteessite yommuu ta’u, Sadarkaa Federaalaarraa jalqabee hanga Araddaatyi Manni Marii hundaa’uudhaan hojiirra oolmaasaafis tarsiimoon qophaa’ee jiraachuu sandni qophaa’ee jiraachuu Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar eeranii Bulchinsi Dirree Dhawaatis Imaammata kana hojiirra oolchuudhaafis Manni Marii Sadarkaa bulchinsaatte hundeeffamee sagantaa Nyaataafi Sirna Nyaataafi kana abbummaan gaggeessuun jiraattonni Bulchinsa keessattuu daa’imman magaalaafi baadiyyaatti nyaata madaalawaa akka argatan gochuurratti hundumtuu tumsuu akka qabu dhaaman.
Kantibaa Itti Aanaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh gamasaaniitiin bulchinsatti daa’imman abdii boruu ta’an Kuma 50 ol ta’an kanneen nyaanni madaalawaan isaan barbaachisu fayyadamoo taasisuuf Imaammanni Nyaataafi Sirna Nyaataa qophaa’ee kuni carraa guddaa ta’uu eeranii hatattamaan akka lafa qabatu qaamni abbummaafi aaantummaan gaggeessu Sadarkaa hundumatti gurmaa’uufi xiyyeeffannoon irratti hojjechuu akkasumas hordoffiifi to’annoon taasifamuu akka qabuufi kanammoo Biiroo Fayyaa waliin ta’uudhaan hundumtuu gaheesaa akka ba’atu dhaamaniiti jiran.
Waltajjii kanatti sandni Imaammataa Nayaataafi Sirna Nyaataa akka biyyaatti qophaa’ee, sanadicha keessatis qabiyyee waliigaltee, haala hundeeffama manager Marii Sadarkaa Federaalaarraa hangs Sadarkaa araddaafi dhaabbilee bulchinsaatti caasaalee hammatamuu qabuufi tarsimoowwan raawwiin walqabatee qophaa’e dhihaachuun mariin bal’aan kan irratti taasifame yommuu ta’u, qaamota sagantaa kanarratti hojjetuuf leenjiin hubannoo cimsuu bal’inaan kennamuu akka qabu, keessumattuu aadaa Nyaataa biyya keenyaa fooyyessuufi sagantaa manager barnootaatti dhiyansuu, sagantaa maaddii waliin qooddaachuu, sagantaa qonna magaalaafi qonna manduubee waliin adeemsisuun akka imaammatichi lafa qabatu gochuurratti xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisu yaanni hirmaattota waltajjichaarraa ka’uun Mariin bal’aan taasifameeti jira.


