Mariin kun irra caalaan argannoowwan jilli deeggarsa federaalaa bara baajataa marsaa lamaafaf, qophii marsaa raawwii irratti, gabaasaa fi daawwannaa dirree hojiiwwan misoomaa fayyadamummaa biyya mirkaneessuuf hojjetaman erga ilaalanii booda, argannoowwan argaman irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera namootaa fi yaada kan kennuu tahuu kasaniru.
Marii kana irratti Kabajamoo Kantiibaan Bulchiinsa Diree dhawaa obbo Kedir Juhar akka jedhanitti, jilli deeggarsa sagantaaleen misoomaa sadarkaa biyyaatti dizaayiniin qophaa’an hojiirra oolmaa isaanii mirkaneessuuf gama misooma kanarraa ummanni fayyadamoo akka ta’u gochuudhaan ilaalchi jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Diree dhawaa akka jedhanitti, gareen jila deggersaa kun hojiiwwan misoomaa bulchiinsi kun haala cimaa, daangeffamee fi muuxannoo gaarii ta’een, dhimmoota bulchiinsi akka biyyaatti akka baabal’atu hayyaman irratti, waltajjii marii ta’uu ibsaniiru. akkasumas naannoowwan xiyyeeffannoo gara fuula duraa irrattis ta’e raawwii hojii bu’aadhaan madaalamu dhugoomsuudhaaf Kabajamoo Ibraahim Yuusuf ibsaniiru.
Badhaadhina waliigalaa jiraattota bulchiinsa kanaa mirkaneessuuf, hirmaannaa dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa hawaasaa mirkaneessuuf, hojiiwwan ijaarsa nagaa fi tola ooltummaa, hojiiwwan qonnaa gama oomishaa fi oomishtummaa dabaluudhaan hojjetaman, ishaara magariisa waliin , misooma industirii, chaartara dhalootaaf hojjetame qulqullina magaalaa fi miidhagina magaalaa, carraa hojii Gama kalaqaan, galii mootummaa dabaluu, barnoota dhaloota dhufuuf, fayyaa fi hojiirra oolmaa leenjii hoggansaafi ijaarsa dandeettii miseensotaaf kennamu ta’uu qondaalli kun himaniiru jijjiiramni qabatamaan akka dhufe kasaniru.
Hojiileen bulchiinsi bishaan baadiyyaa keessatti hojjetan, eegumsa qabeenya uumamaa, oomishaa fi oomishtummaa guddisuu irraa eegalee, gatii nagaa Diree dhawaan bulchiinsaan akka eegamu dandeessisu, akka muuxannoo biyyaalessaatti fudhatamuu akka qabuu fi akka ta’u ibsameera hojjetamuu fi akka daran cimee hojatamu qabuu kasaniru.


