Gareen yaalaa Itoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Cheen Haayiin durfamu qoricha hatattamaa fi meeshaalee yaalaa Hospitaala Dil Chorraaf kenne

Jilli kun kantiibaa bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoo Obbo Kadiir Jawaar fi hoggantoota bulchiinsa kanaa waliin ta’uun Hospitaala Dil Chorraa daawwataniiru.

Haala kanaan saganticha irratti kan argaman Kabajamoo Kantiibaa Bulchiinsa Dredawaa Obbo Kadiir Jawaar deeggarsa taasifameef galateeffachuun cimee itti fufuuf ergaa isaanii dabarsaniiru.

Hogganaan Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Dr. Tsiggee Raddaa Kiflee deeggarsi kun maamiltoota hospitaalichaaf bu’aa guddaa akka qabu hubachiisaniiru; Itti dabaluunis walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuun adeemsi waliin hojjechuu fi wal deeggaruun itti fufuu akka qabu akeekaniiru.

Ambaasaaddar Cheen Haayi akka ibsanitti Dirree Dhawaan wiirtuu daldalaa, industirii fi invastimantii ta’uu; Deeggarsi har’a kennamaa jiru hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsu ta’uu hubachiisaniiru.

Hospitaalli Dil Choraa jiraattota magaalaa Dirree Dhawaa akkasumas naannolee ollaatiif tajaajila qulqullina olaanaa qabu waan kennuuf deggersi har’aa gumaacha olaanaa ta’uu isaa daayreektarri fayyaa Hospitaala Dil Chorraa fi ogeessi fayyaa dahumsaa Dr. Barakat Gabru ibsaniiru.

Daawwannaa kanarratti jilli kun dhukkubsattoota kutaalee hospitaalichaa adda addaa keessa jiran daawwachuun ogeeyyii dhaabbatichaa waliin haasa’uudhaan gargaarsaa fi gorsa ogummaa isaan barbaachisu akka kennan eeraniiru.

Yaassin Abdallaatiin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *