Misooma Koriidaraa Bulchinsatti Jalqabame Milkeessuu Keessatti Hoteelonni Gahee Isaanii Bahachuu Akka Qaban Ibsame.

Waajjirri Mana Qopheessaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Qajeelfama 1703/2017 kan Gibira Mana Ciisichaa Sassaabuuf Bahe Hojiirra Oolchuuf Qoodafudhattoota waliin waltajjii marii gaggeesse.

Hogganaa Waajjira Mana Qopheessaa Magaalaa Dirree Dhawaa Injinar Jamaal Ibrahim waltajjicha yommuu jalqabsiisanitti wixineen qajeelfama Gibira mana ciisichaa sassaabuuf bahe kuni roga hedduun misooma koriidara deegaruu bira dabree fayyadamummaa abbootii qabeenyaa hoteellaniifi gudduna magaalaaf shoora olaanaa kan qabu ta’uu eeranii kana milkeessuuf qoodafudhattoonni hundumtuu tumsa isaanirraa eeggamu akka taasisan dhaamaniiti jiran.

Qajeelfamni gibira mana ciisichaa sassaabuuf magaalota birootti hojiirra oolan hanga ammaatti sababoota gara garaatiin hojiirra ooluu dhabuu kan dubbatan Obbo Ibsaa Aammee waltajjiin inni kunimmoo qajeelfamicha lafa qabsiisuudhaaf qoodafudhattoota waliin marii gochuudhaan galteewwan kan itti argaaman ta’uu himaniiti jiran.

Bulchinsatti bara 2017 kanatti Koodiiwwan Galii mana qopheessaa magaalotaa sassaabuuf qophaa’an 49 keessaa isa kana dabalatee Koodiiwwan 3 kan hojiirra oolan ta’auu Obbo ibsaan dubbatan.

Iliyaas Aammeetiin

Suuraa: Abiyyi Shimallisfi Yidneqaachoo Abraham.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *