Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar Ergaa Baga geessanii fi Hawwi Gaarii dabarsan.
Lammiiwan Biyya teenyaa kan Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa kan biyya keessaafi ala jiraattan akkasumaas Dhalattootaa fi Jaalatoota Dirree Dhawaa hundi baga guyyaa Ayyaana Qillee kan bara 2017 nagaan geessan jedhan.
Guyyaa Ayyaana Qillee yeroo kabajnu jaalalaan keessattuu lammiilee harka qalleeyyii fi ijoollee yatiima maatii him qabne waliin tokkummaa kabajuu qabnaa jedhan.
Aadaa fi Duudhaa Ummata Dirrer tan walgargaaruu, tan beela’e nyaachisuu, jaalala fi tokkummaan Akka kabajan jechuuniis dhaamanii Ayyaanni Qillee nagaa, gammachuu akka isiniif ta’u jechuu ergaa hawwaa gaariis dabarsan.


