Barattoota Maatii Harkaqalleeyyii 300 Olta’aniif Deeggarsi Beeshaalee Barnootaa Taasifame.

Biiroon Dhimmoota Dubartoota Daa’immaniifi Dargaggootaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Dhaabbata Tola’ooltummaa “Chentro Ayuti Per Itiopia” jedha waliin ta’uun Ayyaana Bara Haaraa 2018 sababeeffachuun barattoota maatii Harka-qalleeyyii 300 ta’aniif deeggarsa meeshaalee barnootaa gumaache.

Saganticharratti argamuun haasaa kan taasisan Hoggantuu Biiroo Dubartoota Daa’immaniifi Dargaggootaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Hukmiyaa Mohammed Dhaabbatichi biiricha waliin ta’uun deeggarsa adda addaa kan baasii Birrii. mil. 17 ol ta’uu harkaqalleeyyii Aanaalee baadiyyaafi magaalaatti gumaachaa Turuu eeranii dhaabbaticha maqaa Bulchinsaatiin galateeffatan.

Barattoonni harkaqalleeyyii kanneen Abbaa Hegeree Biyyaa ta’an sababa meeshaalee barnootaa dhabuutiin barumsa akka addaan hinkunne gochuuf deeggarsi kun taasifamuu kan eeranii Aadde Hukmiyaa Mohammed gaheen maatii barattootaa ijoolleen kunneen neeshaalee barumsaaf kenname kanneen sirritti akka Itti baratan hordoffii taasisuun akka tumsaniifi jaarmayaaleenfi dhaabbileen mootummaafi mitimootummaas deeggarsa kana fakkaatu gochuudhaan daa’immaniifi dubartoota barumsarratti akka jajjabeessan dhaamaniiti jiran.

Dhaabbatichi waggoottan dheeraaf namoota harkaqalleeyyii Biyya Itoophiyaa gargaaruurratti hojjechaa jiraachuu kan eeraan Hojigaggeessaan dhaabbatichaa Obbo Phaawloo Laavardo Bara kana Dirree Dhawaatti torbee kanatti baadiyyaafi magaalattis meeshaalee nyaataafi barnootaa baasii Birr. mil. 17 ol baasuun gargaaraa jiraachuufi deeggarsichis kan Itti fufu ta’uu ibsan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *