Jiddugalli Dargagootaa, iddoo naamusa fi Amalli gaariin itti oomishamuu ta’un ibsame

Komishinii Dargagootaa fi ispoortii Bulchinsa Dirree Dhawaa anaalee Magaalaafi baadiyyaatti jiddugalli dargagootaa kan cimsan tan tahu ibsan.

Itti Gaftama Komishinii komishinara Ispoortii Obboo Firaan ol Bulchaa jiddugalli dargaggootaa Aanaa 08 meeshalee biroofi meshalee qulqulinaa kan adda addaa deggaruudhaan jiddugallii dargagootaa bifa ammayyaawaa fi hawwataa taheen akka tajaajilu taasisuuf hojjachaa akka jiran ibsan.

Itti dabaluunis jiddugallii dargagootaa amala gaarii, naamusumma fi jaalala tokkummaa biyyaa irratti cimee akka hojatu ibsan.

Komishinii Dargaggoo fi Ispoortiitti Daayreektara Daayreektooreeti Dargaggootaafi hujii Tolaa oltummaa Obbo Bahar Abdallaa Jiddugalii dargagootaa hundi iddoo hanqinna qabu addaan baasuun kan suuphamu qabu suuphuun kan deeggarsa biraa barbaadu deeggaruun akka gara hujii galu godhuuf hojjachaati jirra je’an.

Jiddugala Aana 08 kan waggaa 4 oliif hujii dhaabee ture gara hujii deebisuuf deeggarsi meeshaalee gara garaa kan Qarshii kuma 250 olotti shalagamu kan godhameef tahuudha ibsan.

Itti gafatamaan Aana 08 Obboo Abdulaziiz Amee fi qindeensaa Deeskii Barnootaa Obboo Iliyaas Mahamad gama isaaniitiin jiddugalii dargagootaa kan Aanaa 08tti rakkoo adda addaatin waggoota muraasaf tajaajila dargagootaa

Kannuu baatullee ifaajjii cimaa Obbo Firaaol Bulchaa godheen akka hoji jalqabuu nuuf taasisuu

Isaanitti hedduu gamannee jirra je’an.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *