“Damee Muuziqaatiin Dirree Dhawaa waamsisuun gammachuu guddaa naaf uumeera”

Artiisti Daani’eel Taadasa

DGC Sadaasa 23/2017

Hundeessaa fi Hooganaan Maarshi Baandii Baratoota kan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Artiisti Daani’eel Taadasa Ministeerri Aadaa fi Ispoortii kan Mootummaa Federaalawaa Dimokraatawaa Rippablika Itoophiyaa Marsaa 4ffaaf sadarkaa Biyyaalessaatti “Kabajaan Aartiin” mata-duree jedhuun kurfii Beekamtii fi galateefannaa qophaawe irratti Damee Muuziqaatiin Artiisti Daani’eel Taadasa shoora ol’aanaa gumaachaniif badhaafamaniiru.

Kanuma ilaalchisuudhaan Artiisti Daani’eel Taadasaa Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa waliin Artiisti Daani’eel Taadasaa turtii waliin taasifne irratti Akka ibsanitti Damee Muuziqaatiin Dirree Dhawaa waamsisuun gammachuu guddaa naaf uumeeraa jedhan.

Artiisti Daani’eel Taadasa hojii muuziqaa Ababaa isaanii irraa dhaamanii ijoolummaan gara Aartii galuus eeranii damee jaaladhee waggoota 35 ittiin hojjachaa tureen badhafamuun kootiin Gammachuunbol’aanaan Akka ittidhaga’ameefi damee kanaaniis Maarshi Baandii Baratoota kan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa hundeessuun sadarkaa gaarii irraan ga’uu isaan gammachuun ol’aanaa Akka ittidhaga’amees addeessan.

Dhuma irrattiis Artiisti Daani’eel Taadasa Ministeerri Aadaa fi Ispoortii kan Mootummaa Federaalawaa Dimokraatawaa Rippablika Itoophiyaa Marsaa 4ffaaf sadarkaa Biyyaalessaatti “Kabajaan Aartiin” mata-duree jedhuun kurfii Beekamtii fi galateefannaa qophaawe irratti Damee Muuziqaatiin Artiisti Daani’eel Taadasa shoora ol’aanaa gumaachuun badhaasniin argadhe kan dhunfaa kootii osoo hin taane bu’aa Maatii kootii, kan Baratootaa miseensa Maarshi Baandii Baratootaa, Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi hawaasa Dirree Dhawaa jechuun hunda galateefatan.

Abdii Adamiin

Suuraan Aganyahu Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *