Yaa’ii Idilee Paartii Badhaadhinaatiin Murtoofi Kallattii Kaa’amerratti Waltajji Marii Hubannoo Cimsuu Miseensotaafi Gaggeessitoota Seektaroota Bulchinsaa hundatti gaggeeffame.
Haaluma kanaan guyyaa har’aa miseensotaafi gaggeessitoonni dhaabbilee biiroolee seektaroota mootummaa kanneen akka Biiroo Daldalaa Industiriifi Invastimantii B/sa Dirree Dhawaafi dhaabbilaa gadjalaa, Waajjira Odiitara Olaanaa, Manamarii Bulchinsaa, Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa,Biiroo Fayyaa, Biiroo Misooma Manneeniifi Konistiraakshinii, Biiroo Misooma Dandeettii Hojiifi Teeknolojii, Biiroo Dhimma Dubartootaa Daa’immaniifi Hawaasummaa, Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsaa Dirree Dhawaatti Waltajjiin Miseensotaaf Hubannoo cimsuu gaggeeffameeti jira.
Waltajjiin kanarratti sandni marii dhihaachuudhaan Marion bal’aan kan gaggeeffamaa jiru yommuu ta’u, paartichi waadaawwan biyya ceesisuu seene gochaan agarsiisuu bira dabree injifannoowwan argaman aadeeffachuufi hojiilee misoomaafi guddina waaraa biyyattii mirkaneessan itti fufinsaan hojjechuuf dirqama miseensifi lammiin biyyattii hunduu hojjechuu qabanirratti kallattii yaa’ii idilee 2ffaatiin kaa’amuun sanadicha keessatti ibsameeti jira.
Iliyaas Aammeetiin
Suuraa: Agenyehu Shawaaraggaafi Mulualem Dassee


